Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 22 - Kitaaba Woyyuu

Daawiti Adoolaamii Fi Mitsiphaa Keessatti

1Daawiti qachaa Gaatiitii dheessee gara goda naannoo qachaa Adoolaamii jirtuu dhaqe; obboleewwanii fi maatiin abbaa isaa martinuu haga waan kana dhagayan gara isaa dhaqanii itti makaman.

11Sababaa kanaaf mootiin Saa'ol gara gadicha Abemelekii ilma Akixuubiitii fi maatii isaa maraa akka gara isaa dhufan nama isaanitti erge; isaanillee gara isaa dhufan;

12Saa'ol, «Ilma Akixuubii mee na dhagayi» jedheen; Abemelekillee tole gooftaa kiyya!» jedhe.

13Saa'ol «Atii fi ilmi Isseyii natti mari'attanii? isaan nyaachiftee guraadee kenniteefii Rabbiinillee kadhatteef, kunoo akkuma adha inni ana akka diinaatitti riphee na ajjeesu'uuf na eega'aaru maal goote?» jedhee gaafate.

14Abemeleki mootichaan, «Loltoota kee keessaa namni akka Daawitii soddaa mooti'iitii fi ajajaa loltootaa ta'e hin jiraa?

15Garuu Rabbiin isaa kadhachuun anaaf ka jalqabaatii? wa'a akkasii miti; ani garbichi kee dubbii kana waan hin beenneef maatii kiyya anaa fi maatii abbaa kiyyaa hin komatin» jedhe.

16Mootichi Abemelekiin, «Atii fi maatiin abbaa keetii maruu sirima hin duutan!» jedheen.

17Achiin maayessa mootichi worra isa bira dhaabataniiraniin «Gadoonni Rabbii kun gara Daawitii waan goraniif, akka inni baqate uduu beekan natti himuu waan didaniif itti gara gala'aatii isaan fixaa'a» jedhe; loltoonni mootichaa garuu «Gadoota Rabbii hin ajjeefnu» jedhaniin.

18Kanaaf mootichi Dooyiqi gadoota kana atummaan ajjeesi jedhe; Dooyiqi Edoomichi ka'ee gadoota Efuudii uffatan sanniin maraa namoota saddeettamii shanii ajjeese.

19Kanaan maayessa Saa'ol qachaa gadoota Noobiititti duulchisee dhiiraa fi dubartii ijoolle'ee fi daa'imman harma hodhan, sangoota, harriinii fi hoolota guraadee qara qabuun ficcisiise.

20Ilmi Abemelekii Akixuub ka Abiyaataar jedhamu tokko garuu dheessee bayee Daawitiin faanaa lixe.

21Saa'ol gadoota Rabbii akka ajjeesise isatti hime.

22Daawiti hennaa san Abiyaatariin «Dooyiqi Edoomichi hennaa san achi jiru sun akka Saa'olitti hime ani gaafasuu beekeera; du'a abbaa keetiitii fi maatii maraatiif anatu gaafatama.

23Ati garuu ana woliin jiraadhu; hin sodaatin, dhugamaan Saa'ol si'ii fi anallee ajjeesuu barbaada; garuu ati nagayaan na woliin jiraatta» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help