1Mootiin Arxeeksiis mootota mootummaa isaa jala jiran, banii qacce'ee haga qacce'ee jiraatan gibira gabbarsiise.
2Wonti gugurdaan inni godhee fi maalachiisaan marti Mardokiyoosiin akkamitti akka kabajjee attamiin akka gara baallii gudda'aatii fi ulfinna gudda'atti isa geesse seenaan himu Kitaaba seena'aa ka Meedooniitii fi Faaresii keessatti akka barreeffamu taasifameera.
3Mardokiyoosiin Ayihuudichi mooticha Arxeeksisitti aanee lammeessoo ture; nama obboleewwan ufii biratti jaalatama'aa fi kabajjamaa, ka bani'ii waan mishaa yaade, ka fiixaa ufiitiifillee akka isaan nagayaan jiraataniif guddisee xaare ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.