1Iyyaasuunii fi ijoolleen Israa'elii maruu ganamaan Saaximii ka'anii gara laga Yoordaanosii dhaqanii achitti quphatan;
2guyyaa sadihiin maayessa bulchoonni isaanii ganda sanniin keessa seenanii;
3bani'iin «Saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessanii gadoonni worra Leewwotaa hennaa isaan baadhatan yoo argitan hulee bultan kanaa ka'aatii isaan faana deemaa'a.
4Fageenni worra saanduuqa waada'aa baadhataniitii fi isin jidduu jiru haga ciqilee kuma lamaa haa ta'uu; isin duraan karaa kana deemtanii waan hin beenneef karaa deemtan akka beettaniif gara worra saanduuqa waada'aa baadhatanii deeman fago'oo laalaa malee itti hin dhiyaatinaa'a» jedhanii ajajan.
5Iyyaasuun bani'iin akkana jedhe, «Boru Rabbi jidduu keessanitti maalalee waan hojjatuuf uf woyyoomsaa'a»
6Iyyaasuun gadootaan, «Saanduuqa waada'aa baadhadha'aatii banii afoo lufaa» jedhee isaanitti hime; isaanillee saanduuqa waada'aa baadhatanii banii afoo lufan.
7Rabbillee Iyyaasu'uun, «Akkuma Muusee woliin ture si woliinillee jiraachuu kiyya akka beekan adha ani Israa'eliin afo'otti sii kabajjuu jalqaba.
8Atillee gadoota saanduuqa waada'aa baadhataniin hennaa laga Yoordaanosii bira geettan, laga Yoordaanosii keessa dhaabadhaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen.
9Kanaan maayessa Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitiin, «Asi dhiyaadha'aa jecha Rabbii Waaqa keessanii dhagayaa'a» jedhe.
10Iyyaasuun itti aansee «Rabbiin jiraataan akka jidduu keessan jiru, akka inni worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Eewwotaa, Feerzotaa, Geergesota, Amoorotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirimaa akka isin afo'oo baasu kanaan beettan.
11Saanduundhi waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardii maraa isin afoo gara Yoordaanosii lufa.
12Ammallee gosa Israa'elii maraa keessaa namoota kudha lamaa filadhaa'a; gosa maraa keessaa nama tokko tokko haa ta'uu.
13Lutti gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardi'ii fi samii uumee baadhatanii Yoordaanosiin keessa hennaa dhaabatan, bisaan Yoordaanosii ka gubba'aa bu'u yookaan ka yaa'u citee akka tullu'uutitti dhaabata; bakka tokkotti wolitti qabama.»
14Hennaa baniin Yoordaanosiin ceeyu'uuf daasee ufii keessaa gad yaa'an worri gadootaa ka saanduuqa waada'aa baatan banii afoo deema'aa turan.
15Akkuma ji'oota gannaa maratti lanni Yoordaanosii guuteera; akkuma worri saanduuqa waada'aa baadhatan laga bira gayanii lukaan tuqaniin,
16bisaan yaa'uu dhiise; Tsarta'atitti qachaa Aadam jedhamtee waamamtuutitti tuulamee wolitti qabame; bisaan gara Arabaa, gara galaana sooqiddaa jigu, sirima dhaabate; baniinillee kolba Iyyaariko'ootiin gama ceeyan.
17Hennaa baniin lafa gogaa keessa deema'aa ceeyan gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan haga baniin marti ceeyanitti laga Yoordaanosii keessa lafa gogaa irra dhaabata'aa turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.