1Akka baniin baallii isaa jalatti bulan godhu'uuf,
mootota akka baallii isaanii irraa buusu,
akka balbala qachootaa isaanii banuuf,
mootii harka mirgaa qabee dibee moosise
Rabbi Qiroosiin,
2«Ani si afoo deema;
gaarran si afoo jiran hin diriirsa;
balbala sibiila diima'aan hojjatamanii fi
loosaa sibiilaa hin caccabsa.
3Qabeenna hulee dukkanaatii fi
lafa dhossa'aatitti kuufame sii kenna;
akka kanaan ani Waandhi Israa'elii ka maqaa keetiin si waame
akka Rabbiin ta'e beetta.
4Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ta ani filadhe akka gargaartuuf,
ati yoo na hin beennellee maqaa keetiin si waamee
ulfinna sii kenneera.
5Ani Rabbi; ana malee Waandhi biraa hin jiru;
Ati yoo na hin beennellee jabeenna sii kenna.
6Wonti ani waan kana godhuuf adunyaan guutuun
akka ani callaan Rabbiin ta'ee fi
ana malee Waandhi biraa akka hin jirre
haa beekani'iif.
7Ani ifaa fi dukkana uuma;
nagayaa fi badiillee hin fida;
ani Rabbi waan kana maraa hin godha.
8Isin samiiwwan ol gubbaa jirtan!
balchummaa akka roobaatitti roobsaa'a;
duumessillee rooba gad haa roobsuu;
ardiin haa banamtu;
fayyummaanillee haa biqiluu;
ani Rabbi waan isa uumeef balchummaanillee
woliin haa biqiluu.»
Rabbi Abbaa Seena'aatii Fi Abbaa Uumama Maraati9Nama uumaa ufiitiin mormuu hobbaas!
inni meeshaa faaraa ka namni hojjatu keessaa tokko;
faarri nama isa hojjatuun
«maal wonti ati godha'aartu?
eessa qabatan?»
jedhee gaafachuu danda'aa?
10Yookaan ilmi abba'aa fi haadhaan
«Maaf akkanatti na uumattan?»
jedhee gaafachuu danda'aa?
11Rabbiin uumaan, Waandhi woyyichi Israa'elii,
Waan waan dhufu'uuf ta'anii akkana jedha,
«waan ijoollee tiyyaa maaf na gaafattan?
waan hujii harka kiyyaatiif na ajajjanii?
12ka ardii uume;
ka namallee uumee akka isii irra jiraatu taasise ana;
ka samiiwwan hunna kiyyaan diriirse,
ka banii achi irra jiraatu tooyatullee ana.»
13Waandhi banii maraa akkana jedha,
«Qiroosiin hujii balchumma'aatiif kakkaase;
karaa isaa maraa qajeelcheeraaf;
inni qachaa tiyya Yerusaalemiin deebisee ijaara;
banii kiyya ka baqate bilisa baasa;
inni wonti waan kanniin godhuuf akka eennullee horii isaa kaffaluuf
yookaan akka jasaa isaa deebisaniifii miti»
Waandhi banii maraa waan kana dubbateera.
14Rabbi akkana jedha,
«Qabeenni biyya Misiriitii fi daldalli Itoophiya'aa isinii kennama;
namoonni dhedheeraan biyya Saaba'aallee haada sibiilaatiin hidhamanii dhufanii isin duukaa bu'an;
isaan harka kennatanii ‹Rabbi isin callaa biratti argama;
ka biraa biratti hin argamu;
isa malee Waandhi biraa hin jiru› jedhan» jedha.
15Waaqa Israa'elii ka fayyiftu!
dhugamaan hujiin kee hubannaa namaa jalaa dhokata'a;
16Worri waaqa tolfamaa hojjatan maruu hin saalfatan, hin salphatan.
isaan maruu wolumaan salphatan.
17Isin baniin Israa'elii fayyummaa bara baraa ka Rabbi isinii kennuun fayyitan;
baraa haga bara baraa hin saalfattan, hin salphattan.
18Ka samiiwwan uume Rabbi;
ka ardiillee uumee bifa kenneef isa;
wonti isii uumeef akka irra jiraataniif malee
akka bifa dhabdee duwwaa taatuufii miti;
Inni «Ana malee Waandhi biraa hin jiru;
19biyya dukkanaatitti dhossa'aan hin dubbanne;
ijoollee Yaaqoobiitiin ‹akkanumaan duwwaa na soqaa'a› hin jenne;
ani Rabbi dhugaa dubbadha;
waan sirrii ta'ellee hin ibsa.
20Isin worri biyya adda addaatitti baqattanii haftanii deebitan,
isin maruu wol gaya'aa koottaa'a!
worri waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame qabatanii oolii fi gad deema'aa
waaqa tolfamaa nama hin fayyifne kadhatan
worra beekkumsa hin qabne.
21Ati hajaa tee dhiyeeffadhuu himadhu;
worri dur waan kana dubbatan wol gayanii haa mari'atanii;
ka dur dubbate eennu?
ani Rabbi hennaa san hin jiruu?
ana malee Waandhi balchaanii fi fayyisaan hin jiru.
22Ana malee Waandhi biraa waan hin jirreef
worri haga daangaa lafaa jirtan maruu
gara kiyya deebi'a'aa fayyaa'a.
23Ani hennaa abdii dhuga'aa ka hin jijjiiramne kennu uf hedadheeti.
kanaafuu jilbi maruu naaf jilbiiffata;
arrabni maruu maqaa kiyyaan kakata.
24«‹Balchummaanii fi hunni Rabbuma callaa biraa argama› jedhanii waan kiyya dubbatan;
worri na jibban maruu gara kiyya dhufanii saalfatanii kufan.
25Garuu ijoolleen Israa'elii maruu
ana Rabbiin irraa moote'ee fi ulfinna argatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.