1Rabbi akkana naan jedhe, «Deemii nama faara dhawu irraa waabaa bitadhu; bani'ii fi worra gadootaa keessaa namoota jajjabaa filadhuu akka si woliin deeman godhi.
2Gara karaa bakka faara caccabeetiin gara dhooqa Heenoomii dhaqi; dubbii ani achitti sitti himu akkana jedhii labsi;Mot. 2ffaa 23:10; Erm. 7:30-32; 32:34-35
3‹Isin mootonni biyya Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii maruu waan ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti himu dhagayaa'a; ani balaa yoo dhagayan nama rifachiisu fida.
4Wonti ani waan kana godhuuf baniin waan ana dhiisanii fi waaqolee tolfamaa biraatii ciincaa dhiyeessa'aa hulee kana waan batteessaniif; isaan, abboonni isaanii ta duriitii fi mootonni biyya Yihuuda'aallee waan waaqolee tolfamaa kanniinii womaa hin beekan; kana callaa uduu hin taane namoota balleessaa hin qabne ajjeesa'aa huleen kun akka dhiigaan battaayu godhaniiran.
5Ijoollee ibidda irratti ciincaa godhu'uuf hulee ciinca'aa waaqolee tolfamaa ba'aaliif hojjataniiran; ani akka isaan waan kana godhan isaan hin ajanye; ani sirima waan kana hin yaanne.Ser. Lew. 18:21
6Kanaafuu huleen kun ka Toofeeti yookaan dhooqa Heenoonii jedhamu sun hafee hennaan dhooqa qalmaa jedhamee waamamu hin dhufa.
7Ani waan baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii hulee kanatti hojjachu'uuf karoorfatan akka hin raawwatamne godha; akka diintonni isaanii isaan mooyatanii fi akka woraanaan isaan fixan godha; reeffa isaanii akka allaatiin samii irra bararuu fi busaayaan lafa irraa nyaatu godha.
8Ani qachaa tana diigee lafatti isii tuula; ka karaa san irra lufu maruu nayee rifata; rakkoo isii irra gaye kana argee maalalfata.
9Diinni qachattii marsee banii fixu'uuf isaan rakkisa; hennaa san wonti nyaatan dhumee baniin waan beelawuuf ufumaa wol nyaatan; siri'ii abboonni foon ijoollee ufii nyaatan.› »
10Kanaan maayessa Rabbi namoota na woliin deeman afo'otti akka waabaa san cabsu na ajaje.
11Dubbiin Waandhi banii maraa akka isaanitti himuuf na ajaje kana; «Akkuma waabaan faaraa ka cabe kun deebi'ee wol qabatuu hin dandeenne ani banii kanaa fi qachaa tana akkuma kana isaan caccabsa; worri namni isaan jalaa du'e hulee itti awwaalatan waan hin qabneef Toofeetimatti isaan awwaalan.»
12Rabbi akkana jedha, «Akkuma Toofeetiin irratti godhe akkasuma qachaa tanaa fi worra qachaa tana keessa jiraatan irrattillee godha;
13Manniin banii Yerusaalemiitii fi manniin mootonni biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan akkasuma ginnoo manaa gubba'aatti loltoota sami'iitii fi hixaana aarsanii fi manniin waaqolee tolfamaa ormaatiif daadhii woyini'ii dhibaasan maruu akkuma Toofeetiititti battaayan.»
14Kanaan maayessa ani Toofeetii hulee Rabbi dubbii itti dubbadhu jedhee na ajajee deebi'ee dhufe; hulee baya mana woyyuu Rabbii afoo dhaabadhee,
15«Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa ‹isaan morkattoota ta'anii waan dubbii kiyyaa hin ajajamneef balaa isinitti fida› jedhee isaanitti hime qachaa tanaa fi worra naannoo isi'ii jiraatan maraa irratti fida.» jedhee isaanitti hime.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.