Gara Worra Efesoonii 3 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloos Worra Yihuudota Hin Taanetti Lallabe

1Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha.

2Isin dhugamaan waan hujii Ayyaana Rabbii ka isiniif natti kenname san dhageettaniirtan.

3Akkuma armaan dura gabaabsee isinii barreesse dhossaa kana akka ibsu na beessise.

4Rom. 16:25-26 Kanallee yoo dubbiftan dhossaa Kiristoosii attamitti akka hubadhu arguu hin dandeettan.

5-6Qol. 1:26-27; Qor. 1ffaa 2:10 Kunillee worri Yihuudii hin taane, akka woliin jeennata galaniif qaama tokkoonillee akka woliin taa'aniif, lallaba Dubbii Nagayaa abdii dubbii Kiristoos Yesuusiitiin ta'e woliin akka qoodaman woyyoota, ergamootaa fi raattotatti akkuma amma Ayyaanaan mudhate, dhossaan kun tanaan dura dhaloota biraa biratti ilmaan namaatitti hin beekkamne.

7 Rom. 1:5; Qol. 1:25-29 Akka hujii hunna isaatii fi akka Ayyaana Rabbii ka naa kennameetitti hojjataa isaa ka Dubbii Nagayaa himu ta'eef.

8-91:7; Qor. 1ffaa 15:9-10; Gal. 1:16 Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayyuu gad ta'ee kenname.

101:21; Rom. 11:33; Phex. 1ffaa 1:12 Ogummaan guddaan Rabbii ka adda addaa amma karaa woldaa amanti'iitiin, worra samii irra jiraniif bulchootaa fi worra baallii qabanitti akka beekkamuuf.

11Kunillee yaada bara baraa ka Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos raawwate.

122:18; Rom. 5:2; Ibr. 4:16 Isa biratti karaa amantii qabnuutiin amanachu'uun seenu'uuf uggineerra.

13Tas. 1ffaa 3:3; Qol. 1:24 Kanaafuu waan keessaniif rakkinna na irra jiruuf akka hin dadhabne isin kadhadha. Kun ulfinna keessan waan ta'eef.

Jaalala Kiristoosii

14Sababaa kanaaf Rabbii Abbaa ardi'ii fi samii afo'otti waan keessaniif hin jilbiiffadha.

15Maatiin ardi'ii fi samii irra jiru maruu maqaa dhuga'aa Rabbiin irraa argatan.

166:10; Qol. 1:11 Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan.

17Yoh. 14:23; Qol. 2:7 Kiristoos amanti'iin akka garaa keessan keessa jiraatu, akka durummaa Ayyaana isaatitti isinii haa kennu.

18Hiddinii fi hundeen keessan akka jaalalaan dhaabatu jaalala Kiristoosii ka badhinni, dheerinni, ol fageenninii fi gadi fageenni hagam akka ta'eef hubannaa sammuu namaatii ol ta'ee,

19woyyoota maraa woliin beeku'uuf akka waan Rabbii maraan jabaattanii guuttamtaniif isinii kadhadha.

20 Rom. 16:25-27; Qol. 1:29 Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookaan haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf,

21Filph. 4:20 Karaa woldaa Kiristaanaatii fi karaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni Rabbiif haa ta'u! Amiin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help