1Israa'el waan ufii qabu maraa qabatee gara biyya Beersaabeehii dhaqee Waaqa Yisaaqii abbaa ufiitiif ciincaa dhiyeesse.
2Rabbi halkan eebju'uun itti mudhatee, «Yaaqoob! Yaaqoob!» jedhee waame.
Innillee, «Yaa Gooftaa kiyya» jedhe.
3«Ani Waaqa abboota keetiiti; gara biyya Misirii dhaquu hin sodaatin; ani achitti banii guddaa si taasisaa;
4ani si woliin gara biyya Misirii dhaqa; hortee teellee deebisee achii baasa; hennaa ati duutu Yooseef ija gad sii haxaaya» jedheen.
5Yaaqoob Beersaabeehii ka'ee konkolaataa fardaa ka Fari'oon akka ijoolleen Israa'elii Yaaqoobiin ittiin fidu'uuf ergeen abbaa isaanii Yaaqoobiin, Ijoollee isaaniitii fi dubartoota isaanii yaabbisanii gara biyya Misirii fidan;
6horii ufiitii fi waan biyya Kana'aaniititti argatan maraa qabatanii Yaaqoobii fi horteen isaa maruu isa woliin gara biyya Misirii dhaqan;
21Ijoolleen Biiniyaamiillee Beelaa, Beekeerii fi Asbeel; ijoolleen Beela'aallee Geeraa, Naa'imaa, Aak, Roos, Maanfeen, Huufiim, Geeraamii fi Aardiin fa'a.
22Ijoolleen Raaheel Yaaqoobii deette ijoollee isaanii woliin namoota kudha afur.
23Ilmi Daanii Huushiim.
24Ijoolleen Niftaalemiillee Yaahisi'eel, Gunii, Yeetirii fi Shiileem.
25Ijoolleen Baala'aa ka Laabaan Raaheelii kenne ta isiin Yaaqoobii deette wolitti qabaa nama torba.
26Namoonni Yaaqoobiin woliin gara biyya Misirii galan haawwota manaa ta ijoollee ufiitiin alatti worri gudeeda isaatii bayan wolitti qabaa namoota jahaatamii jaha.
27Ijoolleen Yooseef biyya Misiriititti uumate nama lama; ijoolleen mana Yaaqoobii ka biyya Misirii galan wolitti qabaa namoota torbaatama.Yaaqoobii Fi Maatiin Isaa Biyya Misirii Keessatti
28Yaaqoob ilma ufii Yihuudaa akka Yooseef Geeseemitti isaan simachu'uuf itti ergee hennaa isaan Geeseemiin gayan;
29Yooseefillee konkolaataa fardaa ufii fudhatee abbaa ufii Israa'eliin simachu'uuf gara Geeseemii dhaqe; haga abbaa arge mormatti maramee hennaa dheeraa booye.
30Israa'elillee Yooseefiin, «Uduu lubbu'uun jirtu waan si argeef amma du'ullee na gaya» jedhe.
31Kanaan maayessa Yooseef obboleewwan ufiitii fi maatii abbaa ufiitiin akkana jedhe «Ani dhaqee Fari'ooniin ‹Obboleewwan tiyya ta biyya Kana'aanii jiranii fi maatiin abbaa kiyyaa natti dhufaniiran;
32isaan worra horii horsiisan; hoolota, re'iin, loowwanii fi waan qaban maraa qabatanii dhufaniiran;
33Fari'oon yoo isin waamee ‹Hujiin keessan maali'i?› jedhee yoo isin gaafate;
34‹Nu'u garboonni tee ijoollummaa irraa haga adhaa nu'uu fi abboonni teennallee worra horii horsiisu› jedha'aanii; worri hoolaa tissu maruu biyya Misiriititti waan tuffatamaniif akka Geeseemiin teettan isin taasisaa» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.