Raajii Hage'ee 2 - Kitaaba Woyyuu

Bareeddinnaa Fi Gaachena Manni Woyyumma'aa Haarawa Ijaaramee

1Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini torbeesso'oo seenee guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti Rabbi deebi'ee lammeessoo Hagee raattichatti dubbate.

2Gooftaan bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiya'aa, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiitii fi banii baqa irraa hafanii dacha'anitti akkana jedhii dubbadhu jedheen.

3«Ulfinni Mana Woyyumma'aa dur attam akka ture isin keessaa namni laale jiraa? adha ammo ka maal ta'eeru arga'aartan? wonti kun isin bira akka hin jirretti ka laallamuu miti?Izra 3:12

4Amma garuu Zarubaabel! jabaadhu; Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqii jabaadhu isin banii biyyaa! jabaadhaa'a! ani isin woliin jiraa; Ani isin woliin ta'aa.

5Akkuma hennaa biyya Misiriitii isin baase, Ani isin woliin ta'a jedhee dubbii abdi'ii isinii kenneetitti akkasuma ammallee Hafuurri kiyya waan isin woliin jiruuf jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a!» jedhee isaanitti hime.Ser. Ba'u. 29:45-46

6Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani hennaa gabaabaa keessatti ardi'ii fi samii'i, galaanaa fi lafa sochoosa;Ibr. 12:26

7Ani mootota maraa gara galcha; qabeenni isaanii maruu akka garana dhufu godha; kanaafuu Manni Woyyumma'aa kun qabeennaan guuttama.

8Meeti'ii fi worqiin adunya'aa maruu kiyya.

9Manni woyyumma'aa haarofni ka duraa caalaa bareedaa ta'a; ani achitti banii kiyyaa nagaya guutuu kenna» ka waan kana dubbate Rabbi Gooftaa banii maraati.

Hageen Raattichi Gadoota Gorse

10Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini sagaleesso'oo seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti Rabbi Gooftaan banii maraa

11«Gadoota waan seeraa gaafadhu;

12Fakkeennaaf namni tokko foon woyyoome hulee ciinca'aatii fudhatee uffata ulfinnaa ka uffataniin maree uduu qabatee uffata; buddeena, ittoo, daadhii woyini'iitii fi sayitii ejersaa yookaan nyaata kamiinuu uduu tuqee wonti nyaatan sunniin maruu sababaa nama saniitiif ka woyyoome ta'uu danda'aa? isaaniin jedhi» jedhee itti dubbate; akkaataa kanaan raattichi haga isaan gaafateen maayessa «Gadoonni ka woyyoome ta'uu hin danda'u» jedhanii deebisan.

13Hageenillee deebisee, «Namni reeffa qaqqabee battaaye tokko gosa nyaataa kanniin keessaa tokkocha uduu tuqee nyaanni tuqame sun dhugamaan hin battaayaa?» jedhee isaan gaafate; gadoonnillee, «Ee hin battaaya» jedhanii deebisaniif.Ser. Lak. 19:11-22

14Hageen akkana jedhe, «Baniin kun maruu akkasuma; kanaafuu hujiin isaaniitii fi kennaan isaan dhiyeessan ka battaayeeru» jedha Rabbi.

Abdii Eebbaa Ka Rabbi Kenne

15Rabbi akkana jedha, «Isin maaltu akka isin irra gaye hin qaabattanii? isin Mana Woyyumma'aa deebiftanii uduu ijaaruu hin jalqabneen dura;

16Midhaan kiiloo dhibba lamaa argatu'uuf hulee midhaan itti kuusan dhaxxan; ammo midhaan isin argattan kiiloo dhibba tokko calla'a; daadhii woyini'ii liitirii dhibba tokkoo argachuu barbaaddanii gara hulee woyinii itti cuunfanii dhaxxan; ammo daadhiin woyini'ii ka isin argattan liitirii afurtama calla'a.

17Isinii fi bu'aa hujii keessanii maraa waagi'iin, dhibeewwan biqiltootaa ka biraatii fi barada'aan dhaye; kun maruu ta'ee isin ammo aagi'iin gara kiyya hin deebine.

18Isin amma jiini sagaleesso'oo seene guyyaa adhaa irraa haga guyyaa diddamii arfeesso'ootii jalqaba'aatii yaadaa'a; guyyaa bu'uurri Mana Woyyummaa Rabbii itti dhaabame irraa jalqaba'aatii hubadhaa'a.

19Amma yoo midhaan sanyi'iif ta'u gootaraa keessa hin jiraanne, woyini'ii fi munni hurbu'uu, biqiltuun roomaani'iitii fi biqiltuun ejersaallee yoo daraaraa daraaruu baatan ani guyyaa kana irraa jalqabee eebba isinii kenna.»

Abdii Rabbi Zarubaabelii Kenne

20Ji'uma san guyyaa diddamii arfeesso'ootitti Rabbi deebi'ee Hagee raattichatti dubbate.

21Zarubaabelii bulchaa Yihuuda'aatitti, Ani hennaan ardi'ii fi samii itti sochoosu hin dhufa.

22Hennaa san teessoo ulfinna ka moototaa gara galcha; hunna isaaniillee akka waan hin jirree taasisa; worra gaarii fardaa oofan gaarima san wolii gara isaan galcha; faradoon isaanii hin dhuman; worri farda yaabbatanillee wolitti gara galanii wol ajjeesan.

23Tajaajilaa kiyya Zarubaabel! ani si fileera; ani guyyaa tokko akka ati bulchaa taatu si fooyee akka chaappaa qubee kiyyaa si taasisa jedha Rabbiin Gooftaan banii maraa» jedhii dubbadhu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help