Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 6 - Kitaaba Woyyuu

Waan Arjumma'aa

1 23:5 Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! yoo akkas gootan ammo Abbaa keessan ka sami'ii biraa gatii woyiituu hin argattan.

2«Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf godhan hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.

3-4Rom. 12:8 Ati ammo hennaa arjoomtu arjummaan kee dhossa'aan akka ta'u, waan harki kee ka mirgaa hojjatu harki kee ka bita'aa hin beekin! Abbaan kee ka waan dhossa'aan godhame argu jasaa kee ifaan sii deebisa.

Waan Faateffanna'aa(Luq. 11:2-4)

5 Luq. 18:10-14 «Isin hennaa Rabbiin kadhattan akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif mana sagadaatii fi wol gayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii Rabbiin kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii fudhataniiran.

6Mot. 2ffaa 4:33 Ati ammo hennaa Rabbiin kadhattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kennaa.

7Mot. 1ffaa 18:26 «Hennaa Rabbiin kadhattan akka worra Yihuudota hin taanee dubbii bu'aa hin qabne irra hin deddeebi'inaa'a; isaan dubbii guddisu'uun waan Rabbi isaanii dhagayu seeyan.

86:32; Luq. 12:30 Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka.

9«Kanaaf hennaa Rabbiin kadhattan:

Abbaa keenna ka samii jirtu,

Maqaan kee haa woyyoomu;

10 26:42 Jeennanni kee haa dhufu;

fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e,

akkasuma lafa irrattillee haa ta'u.

11Nyaata adha nu barbaachisu adhuma nuu kenni.

12 18:32-33 Akkuma nu worra nu yakkuuf dhiifnu,

yakka keenna nuu dhiisi.

13 26:41; Yoh. 17:15; Tas. 2ffaa 3:3; Xim. 2ffaa 4:18 Hamaa jalaa nu oolchi,

ataabe'etti nu hin galchin,

[jeennanni, hunni, ulfinnillee

baruma baraan keetii Amiin!]

14 Mar. 11:25-26; Efe. 4:32; Qol. 3:13 «Isin yoo yakka namootaa dhiiftan, Abbaan keessan ka sami'ii cubbuu keessan isinii dhiisa.

1518:35 Yoo isin yakka namootaa dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe.

Waan Soomaa

16 Isa. 58:5 Yesuus ammallee akkana jedhe, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; isaan akka soomaniiran namootatti uf mudhisu'uuf fuula guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.

17-18Ati ammo hennaa soomtu fuula dhiqadhu; mataa keellee dibadhu; soomuun kee abbaa kee ka waan dhossa'aan hojjatamu maraa arguuf; ka biraa eennullee akka hin argine godhi! ka waan ati dhossa'aan hujju maraa argu gatii kee sii kenna»

Qabeenna Samii Irraa(Luq. 12:33-34)

19 Yaq. 5:2-3 Yesuus ammallee akkana jedhe, «Qabeenna keessan lafa irratti hulee rimminii fi dammeessaan balleessutti, hulee hattoonni cabsanii hatanitti hin kuufatinaa'a.

2019:21; Qol. 3:1-2 Isin qabeenna keessan samii irratti hulee rimminii fi dammeessaan hin balleessinetti, hulee hattoonni cabsanii hin hannetti kuufadhaa'a.

21Hulee qabeenni keessan jiru garaan keessanillee jira waan ta'eef.»

Ifa Nafaa(Luq. 11:34-36)

22Yesuus, «Ijji ifa nafaati; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a.

2320:15; Mar. 7:22 Ijji tee yoo dhukkubsattuu taate ammo, nafti kee hoomaanuu dukkanaayaa ta'a; Eegasuu yoo ifni si keessa jiru dukkanaayaa ta'e, dukkanni sun attam attam gudda'aa!» jedhe.

Rabbii Fi Qabeenna Namaa(Luq. 16:13; 12:22-31)

24Yesuus ammallee, «Eennullee ka gooftaa lamaaf buluu danda'u hin jiru. Tokko hin jibba, kaan ammo hin jaalata; yookaan tokkochaaf uf kennee kaan ammo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu dandeettan» jedhe.

25 Filph. 4:6; Phex. 1ffaa 4:7 «Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna? yookaan maal dhunna? yookaan nafa keessaniif, maal uffanna?» jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?

2610:29-31 Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii simbirroota hin caaltanii?

27Isin keessaa namni yaaddayee hojjaa ufii irratti ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu?

28Waan uffataatiif maaf yaaddoftan? Abaaboon raasaa keessaa attamitti akka guddatan qalbi'iin laalaa'a; isaan hin hojjatan, hin dadhaban, jirbiillee hin fooyan.

29Mot. 1ffaa 10:4-7; Sen. 2ffaa 9:3-6 Kanaafuu Solomoon mootiinuu uduu ulfinna guddaa qabuu, abaaboo sanniin keessaa akka tokkichaatittillee hin uffanne.

30Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii dhidhu'uu; attamitti caalchisee isin uwwisuu dadhaba ree?

31 Rom. 14:17 «Maarre, ‹Maal nyaanna?› yookaan ‹Maal dhunna?› yookaan ‹Maal uffanna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a;

32Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun maruu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka.

33Mot. 1ffaa 3:13; Far. 37:4; Luq. 10:42 Isin ammo duraan dursa'aatii jeennata Rabbiitii fi qajeellummaa soqaa'a; wonti kunniin maruu isinii eda'ama.

34Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help