1Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Baarook dubbii ani afaaniin itti hime maraa kitaaba maramaa keessatti barreesse.Mot. 2ffaa 24:1; Sen. 2ffaa 36:5-7; Dan. 1:1-2
2Dubbii Rabbi Waandhi Israa'elii waan Baarookiitiif dubbate akkana jedhee itti hime,
3«Rabbi uduu ani dhibameeru gadda natti eda'ee uduu womaa hara hin baafanne dadhabee waan woyata'aaruuf na hobbaas!»
4«Ani Rabbi garuu waan ufii ijaare hin diiga; waan dhaabellee hin buqqisa; waan kana maraa lafa marattuu hin godha.
5Eganaa ati akka ani waan mishaa sii godhu hin barbaaddaa? waan kana soquu si hin barbaachisu; ani balaa nama maraa irrattuu hin fida; garuu hulee ati dhaxxu marattuu wonti biraa yoo hafe akka lubbuun tee haftu godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.