Raajii Ermiyaasii 6 - Kitaaba Woyyuu

Yerusaalem Diinaan Marfamte

1Isin banii Biiniyaamii! lubbuu teessan oolfachu'uuf baqadhaa'a! Yerusaalemiin keessaallee bayaa'a! biyya Taqoha'aatitti laagaa xurumba'aa dhageessisaa'a; Beetakaareemitti ibidda malkataaf ta'u bobeessaa'a! badi'ii fi balaan gara kaabaatii dhufu'uuf ta'a.

2Qachaan Tsiyoonii bareedduunii fi ta nama gammachiiftu hin baddi.

3Tisseen horii ufii woliin achitti quphatan; daasee ufiillee naannaya qachatti'iititti dhaabatan; isaan maruu hulema ufii barbaadanitti horii ufii bobbaafatan.

4Diintonni isi'iillee, «Ka'aa! Yerusaalemiin lolu'uuf haa qophoofnuu; guyyaa balaa isi'itti haa buufnuu! siri'ii hin turre; lafti galgalaaya'aara; aduun dhiya'aarti; gaaddifni dheerata'aara;

5kanaafuu ka'aa halkaniin dhandhee balaa buufnee kusheewwan qachootaa maraa diinnaa» woliin jedhan.

6Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Mukkiin mura'aatii biyyee naannaya Yerusaalemii jiru ka akka kushe'eetitti nama gargaaru tuulaa'a; isiin waan qachaa hamtuu taateef adabamuu isii barbaachisa.

7Akkuma boolla keessaa bisaan burqu Yerusaalemillee burqaa hammeenna maraati; wonti isii keessatti dhagayamu laagaa badi'iitii fi ka hammeennaati; wonti hennaa maraa isii irraa mudhatu dhibe'ee fi mada'a.

8Isin banii Yerusaalemii! rakkoon kun gorsa isinii haa ta'uu; ta'uu baannaan uf afo'oo isin balleessa; qachaa teessan gara lafa gammoojji'ii jijjiiree akka eennullee isii keessa hin jiraanne taasisa.»

Hammeenna Israa'elii

9Rabbi Gooftaan banii maraa, «Worra Israa'elii ka hafe akka nama hurbuu woyini'ii guuruutitti guuraa'a; akka nama woyinii deddeebi'ee hurbuu woyini'ii guuruutitti harka keessan gara dameewwanii hiixadhaa'a.» jedha.

10Anillee deebi'ee akkana jedheen, «Yoo isinitti himee fi yoo isin gorsellee eentu na dhagayuu danda'a? isaan waan worra morkatu ta'aniif dubbii kiyya dhagawuu hin danda'an; yoo ani dubbii kee isaanitti himu tuffatanii natti kolfan.

11Yaa Gooftaa! akkuma ati guddiftee aarte anillee aaree sirima obsuu dadhabe.»

Rabbi akkana naan jedhe, «Ati dheekkamsa kiyya daa'imman karaa keessaatii fi ka'imman wol gayanitti buusi; abbaan worraatii fi haati manaa jaarsonnillee hin booji'aman.

12Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa banii biyya tanaa adabu manniin isaanii, qonna isaaniitii fi haawwonni manaa isaaniillee uduu hin hafne namoonni biraa isaan fudhatan.

13Gugurdaanii fi didiqqaan isaanii faayida'aaf jedhanii seeraan ala saaman; raattonninii fi gadoonnillee banii soban.

14Cabnana madaa banii kiyyaa akka waan taraarameetitti laalan; kanaaf seeraan hin yaalan, akkasuma uduu nageenni hin jirre ‹nagaya nagaya› jedhan.Israa'el Karaa Rabbii Irraa Gorte

16Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Karaa irra dhaabadha'aatii karaan duriitii fi ta kolbaa tam akka taate gaafadha'aa laala'aa hubadhaa'a; yoo karaa san hubattan isii irra deemaa'a; lubbuu teessanii nagaya argattanii.»

Baniin garuu «Karaa saniin hin deemnu!» jedhan.

17Achiin maayessa Rabbi worra laagaa xurumba'aa ka uf eegganno'oo afuufan dhaabsise; isaan garuu «Hin dhageennu» jedhan.

18kanaaf Rabbi akkana jedhe, «Banii nana dhagayaa'a! waan ani banii kiyya irratti raawwadhu maraa hubadhaa'a.

19Ardii nana! dhagayi! isaan seera ani isaan barsiise waan mormaniif, seera kiyyaafillee waan ajajamuu didaniif, waan yaada hammeenna isaanii maraaf waan isaan adabuuf banii irratti balaa fida.

20Hixaanni isaan biyya Saaba'aatii naa fidanii fi urgooftuun gara garaa ka isaan biyya gara garaa ka fago'ootii naa fidan maal naa godha? kennaa isaan jalqaba ji'aa naa dhiyeessan isaan irraa hin fudhu, ciincaan isaan naa dhiyeessanillee na hin gammachiisu.

21Kanaafuu ani akka baniin kun gufatee kufu godha; abboonninii fi ijoolleen, goshoonninii fi ollaan maruu wolumaan dhuman.»

Qabattee Lolaa Ka Gara Mirgaatii Dhufu

22Rabbi akkana jedha, «Biyya gara kaabaatitti argamu keessaa lolli qabatteen hin dhufa; baniin guddaan biyya fagoo jiru lolaaf qophaayeera.

23Ebo'oo fi guraadee ufiillee qopheeffataniiran; isaan worra garaa jabaatu; worra hin araaramne; hirphi luka faradoo isaan kooranii yaabbatanii akka laagaa dambalii galaanaati; isaan Yerusaalemiin lolu'uuf qophaayaniiran»

24Baniin Yerusaalemii akkana jedhan, «Waan oduu dhageenneef naanee hadoonne; akka dubartii ciniinsifattuu hucuucamnee dhukkubsanne.

25Qonnaaf hin bayinaa'a; karaa irrallee hin deeminaa'a; hulee marattuu raafamni waan jiruuf guraadee diinaa irraa uf eegaa'a.»

26Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Diinni isin balleessu'uuf dhufe dimmaa waan balaa isinitti buusu'uuf ta'uuf uffata gaddaa uffadha'aatii daaraa irratti gangaladhaa'a; akka nama finni tokkochi qabu jalaa du'eetitti mararama'aa booyaa'a.

27Ermiyaas! akkuma sibiila qoranii laalan banii kiyya qorii laali.

28Isaan maruu akka sibiila diima'aatii fi akka sibiila gurraachaa jabaatan; isaan hammeeyyii worra morkaan uf tuulan; isaan maruu worra araada hamaatiin badan.

29Sibiila bassu'uuf guddisanii buufaa afuufan; hammeeyyiin waan hin banneef ka sibiila bassu akkanumaan dadhaba.

30Ani Rabbi waan isaan gateef ‹Meetii xuraayaa gatame› jedhanii isaan waaman.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help