Dubbii Nagayaa Ka Maarqoosii 9 - Kitaaba Woyyuu

1 13:30; Mat. 10:23; Luq. 22:18 Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu namoota as dhaabatan kanniin keessaa uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.

Yesuus Ulfinna Ufii Mudhise(Mat. 17:1-13; Luq. 9:28-36)

2 5:37; 13:3 Yesuus guyyaa jahaan maayii Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qabatee hojja isaanii gara gaaraa ol isaan baase. Achitti inni afoo isaaniititti jijjiirame. Phex. 2ffaa 1:17-18; Mar. 1:11; Mat. 3:17; Luq. 3:22; Kes. Deb. 18:15; Hu. Er. 3:22

3Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e.

4Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan.

5Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.

6Isaan akka malee waan sodaataniiraniif Pheexroos woma jedha'aaruu hin beenne.

7Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.

8Hennama san gara galanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine.

9 8:30; Mat. 12:16 Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Haga Ilmi namaa du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.

10Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'i?» jedha'aa wol gaggaafatan.

11Mil. 4:5; Mat. 11:14 Isaanillee deebi'anii, «Barsiisonni seeraa, ‹Maaf Eeliyaas firrisee dhufa› jedhan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.

12Far. 22:1-18; Isa. 53:3 Yesuus akkana jedhee isaanii deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haa ta'uu ammo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?

13Mat. 11:14; Mot. 1ffaa 19:2,10 Ani ammo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffame waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe.

Yesuus Mucaa Ayyaana Batti'iin Qabame Fayyise(Mat. 17:14-21; Luq. 9:37-43)

14Hennaa Yesuusii fi darasoonni sadiin gara darasoota kaawwanii dhufan gumiin guddaan isaan marsanii barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.

15Gumiin sun hennaa Yesuusiin argan maalalfatanii gara isaa fiiganii nagaya gaafatan.

16Yesuus, «Wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate.

17Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisaa'a! mucaa kiyya ka jinniin afaan duuchu dhayeeru gara kee fideera.

18Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture isaan ammo baasuu hin dandeenne» jedheen.

19Luq. 24:25 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin amanne! haga yoomii isin woliin jiraadha? haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya as fidaa'a!» jedhe. Isaanillee mucaa gara isaa fidan.

20Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse.

21Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef.

22Hennaa hedduu isa ajjeesu'uuf ibiddaa fi bisaan keessatti isa darba. «Ati ammo yoo sii danda'ame garaa nuu laafii nu gargaari» jedheen.

2311:23-24; Mat. 21:21; Luq. 17:6 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen.

24Luq. 17:5 Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haa ta'uu ammo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen.

25Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe.

26Ayyaanni battiin mucaa iyyisiisee gajafsiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa taanaan namoonni hedduu, «Du'eera» jedhan.

275:41; Mat. 9:25; Luq. 8:54; Hu. Er. 3:7 Yesuus ammo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; mucaanillee ol ka'ee dhaabate.

28Yesuus haga mana seeneen maayii darasoonni isaa, «Nu maaf ayyaana battii san baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan.

29Inni ammo deebisee, «Ka akkanaa kun Rabbiin kadhachu'uu fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u!» isaaniin jedhe.

30Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan.

31Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene.

32Luq. 18:34; Yoh. 12:16 Isaan ammo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan.

Eentu caala?(Mat. 18:1-5; Luq. 9:46-48)

33Achiin maayessa Yesuusii fi darasoonni isaa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Haga mana gayaniin maayessa Yesuus, «Karaa irratti wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate.

34Luq. 22:24 Isaan ammo, «Nu keessaa eentu caala?» jedha'aa wol morma'aa waan turaniif hin cadhisan.

3510:43-44; Mat. 20:26-27; 23:11; Luq. 22:26 Yesuus haga taa'een maayessa darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, «Namni bulchaa ta'uu barbaadu nama maraayyuu gad ta'ee hojjataa nama maraa haa ta'uu» isaaniin jedhe.

36Achiin maayessa Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan afoo dhaabsiise. Inni isa ammatee,

37Mat. 10:40; Luq. 10:16; Yoh. 13:20 «Daa'ima akkanaa tokko ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata; ka Ana simate ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe.

Namni Nuun hin Mormine Gara keenna(Luq. 9:49-50)

38 Ser. Lak. 11:27-29 Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisaa'a! namichi tokko uduu maqaa keetiin jinnii baasu arginee inni waan gara keenna hin taaneef isa dhooggine» jedheen.

39Qor. 1ffaa 12:3 Yesuus ammo akkana jedhe, «Namni maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammo, ka dafee waan hamaa kiyya dubbatu waan hin jirreef hin dhoogginaa'a.

40Mat. 12:30; Luq. 11:23 Namni nuun hin mormine maruu gara keenna.

41Mat. 10:42 Ani dhugamaan isiniin jedha ka Kiristoosii waan taataniif ka maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii isin obaasu gatii qaba» jedhe.

Ataabe'eef Sababa Ta'uu(Mat. 18:6-8; Luq. 17:1,2)

42Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa dhagaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xiillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya.

43-44Mat. 5:30 Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.

45Lutti tee yoo akka cubbuu hojjatu si ataabe uf irraa kuti. Luka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya.

46Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.

47Mat. 5:29 Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya.

48Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.

49Ser. Lew. 2:13 Namni maruu ibiddaan qulqulleeffama; ciincaan maruu sooqiddaan qulqulleeffama.

50 Mat. 5:13; Luq. 14:34-35; Qol. 4:6; Rom. 12:18; Tas. 1ffaa 5:13; Ibr. 12:14 Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammo yoo kuraawummaa uf keessaa dhabe maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu; nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help