Mudhata Yohaannisii 8 - Kitaaba Woyyuu

Banamuu Chaappaa Torbeesso'oo

1 Imba. 2:20 Hennaa chaappaa torbeesso'oo hiike haga wodhakkaa sa'aatii tokko samii irratti hin cadhifame.

2Mat. 24:31 Maleekkota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge; isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef.

3 5:8; Amo. 9:1; Ser. Ba'u. 30:1,3 Maleekkaan biraa dhufee girgiraa worqi'ii qabatee hulee ciinca'aa bira dhaabatee ka afoo teesso'oo jiru ciincaa worqi'ii irratti faatee qulqullootaa maraa woliin akka dhiyeessu hixaanni hedduu kennameef.

4Far. 141:2 Aarri hixaanaa faatee woyyoota woliin harka Maleekka'aatitti afoo Rabbiititti ol baye.

5Mudh. Yoh. 11:19; 16:18 Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guutee gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatii fi ka bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote.

6Maleekkaan torbaa ka xurumbaa torbaa qaban afuufu'uuf qophaayan.

7 Ser. Ba'u. 9:23-25; His. 38:22 Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makamee fi ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadihi keessaa harki tokko hin gubatte. Munnillee harka sadihi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate.

8 Ser. Ba'u. 7:20-21 Maleekkaan lammeesso'oollee xurumbaa afuufe. Gaarri waan akka ibidda qilleensaatiin gubatu fakkaatu gara galaanaa gadi gatame; galaanni harka sadihi keessaa tokko dhiiga ta'e.

9Uumama lubbu qaban ka galaana keessa jiraatan keessaa harka sadihi keessaa harki tokko hin du'an; Markaboonnillee harka sadihi keessaa harki tokko hin barbadaaye.

10 Isa. 14:12 Maleekkaan sadeesso'oollee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Laggiinii fi bisaan burqa'aa sadihi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.

11Erm. 9:15 Bisaanillee sadihi keessa harki tokko hin hadhaaye. Waan hadhaayeef miidhaa bisaaniitiin namoonni hedduu du'an.

12 6:12; Ser. Ba'u. 10:21; Isa. 13:10; His. 32:7; Iyyu. 2:10,31; 3:15 Maleekkaan arfeesso'oo xurumbaa afuufe. Aduun sadihi keessaa harki tokko, addeessi sadihi keessa harki tokko, urjiiwwan sadihi keessaa harki tokko hin dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu, guyyaan sadihi keessa harki tokko akka ifu, akkasuma ka halkanillee'e.

13 9:12; 11:14; 12:12 Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan «waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e!» Hennaa jedhu dhagaye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help