1Rabbi akkana jedha,
«Tajaajilaan kiyya ka ani irkisu, ka ani filadhee fi
ka ani itti gammadu kana;
Hafuura kiyya isaa kenneera;
inni baanii maraafuu murtii qajeelaa murteessa.
2Inni hin wocu, laagaa ufii hin dhageessisu;
laagaa ufiillee akka raasa'atti dhagayamu hin godhu.
3Inni leemman babbaqaqellee hin cabsu;
ibsaa badu'uuf ta'ullee hin dhaamsu;
inni amanamumma'aan haqa hojjata.
4Inni haga lafa irratti haqa fiduuf
hin hifatu; abdiillee hin kutu;
baniin biyya fagoo jiranillee
barumsa isaa dhagayu'uuf hawwan.»
5Rabbiin samiiwwan uumee qacce'ee haga qacce'ee isaan diriirse;
ka ardi'ii fi waan lafa irra jiraatu maraa uume,
ka bani'ii lubbu'uu fi Hafuura kenne.
6«Ani Rabbi qajeellumma'aan si waameera;
harka kee qabee si eegeera;
worra kiyyaaf waadaa,
worra Yihuudii hin taaneef ifa si godhee isaanii si kenneera.
7Kanaafuu ati worra jaamee ija banta;
worra mana hidha'aa boolla dukkanaayaa keessatti hidhame hin baafta.
8«Ani Rabbi; maqaan kiyya kana;
Waaqoleen biraa ka ulfinna kiyya falman hin jiran;
waaqoleen tolfamaan akka galata kiyya qoodaman hin barbaadu.
9Wonti ani armaan dura dursee dubbadhe maruu
kunoo raawwatameera;
amma garuu waan haarawa durana ta'u'uuf ta'u
uduu hin raawwatamne firrisee dubbadha» jedha.
Faaruu Galataa10Faaruu haarawa Rabbii faarfadhaa'a!
baniin adunya'aa maruu faaruu galataa dhiyeessaa'a!
worri galaana keessa jiraatan maruu,
worri daangaa biyyootaatii fi
worri isii keessa jiraatan maruu haa galatoonfatanii!
11Qachoonni gammoojji'ii fi lafa gammoojji'ii keessatti argaman,
akkasuma gandiin baniin Qeedaarii keessa jiraatan haa gammadanii;
worri qachaa Seeraa'ii keessa jiraatan maruu gammadanii haa faarfatanii;
qaccee gaaraa irraallee laagaa ililfataa haa dhageessisanii.
12Rabbiin haa kabajjanii;
daangaa biyya maraatittuu galata isaa haa labsanii.
13Rabbi akka loltuu jannaatitti baya;
laagaa ufii ol qabatee lola labsa;
diintota ufiillee hin mooyata.
Abdii Rabbi Banii Ufii Gargaaru'uuf Kenne14Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa dheera'aaf obse;
cadhiseellee uf qabe;
amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabee ciniinsifattuutitti
laagaa guddaa dhageessisa;
aaree lola.
15Gaarranii fi tullootallee hin diiga;
waan isaan irratti biqile maraa hin gossa;
laggiin lafa gogaa godha;
haroowwanillee hin gossa.
16Worra ijaan hin argine karaa dura isaan
deemanii hin beenneen isaan masakka;
karaa guddaa isaan duraan hin beenneen isaan masakka;
dukkana isaan afo'otti golgame gara ifaatitti jijjiira;
dhooqaa fi gooddallee wol qixxeessa;
wonti kunniin maruu waan ani raawwadhu waan ta'eef
hin dhiisu.
17Worri waaqolee tolfamaa abdatanii
fakii garagaraatiin ‹isin waaqolee keenna› jedhan
hin mullan.
Worri Israa'elii Waa Baratuu Didan18Isin worri gurraan hin dhageenne dhagayaa'a!
isin worri ijaan hin argine guuttadha'aa laalaa'a!
19Namni akka garbicha kiyyaa ija jaame eennu?
garbicha kiyya ka ani ergadhu malee ka gurra duude eennu?
jaamaan akka namicha na jalatti buluu eennu?
yookaan jaamaan garbicha Rabbii fakkaatu eennu?
20Israa'elii kiyya! waan baay'ee argiteerta;
ati garuu qalbi'iin hin hubanne;
gurri kee bana'a, garuu hin dhageettu.
21Rabbi murtii ufii ka dhuga'aa jabeessu'uu fi
seera ufiillee gudda'aa fi kabajjamaa godhuu jaalate.
22Baniin garuu saamamee qabeenna isaaniillee jalaa fudhatanii goda keessatti isaanitti cufaniiran;
mana hidha'aatitti hidhamaniiran;
saamamanii booji'amaniiran;
eennullee isaan oolchuu hin dandeenne.
23Isin keessaa namni waan kana xiinxallee
waan waan dhufu'uuf ta'uu caqasu eennu?
24Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ka worra saamuu fi worra roorrisutti dabarsee isaan kenne eennu?
ka waan kana godhe Rabbii mii?
wonti kun ta'eef waan nu isa yakkinee,
karaa inni barbaadu hin deemneef;
waan seera isaatiifillee hin ajajamneef.
25Kanaaf inni lola ufii sodaachisa'aa fi woraana ufii ka nama sodaachisu nutti buuse;
Inni naannaya keennatti ibidda qabsiise;
nu garuu waan kana maraa hin hubanne;
nu gube, garuu nutti hin beessifne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.