Kitaaba Iyyoobii 16 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Iyyoobii

1Iyyoob akkana jedhee deebise,

2«Dubbii akkanaa kana hennaa baay'ee dhagayeera;

isin maruu jajjabeessitoota nama rakkisu,

3Dubbiin keessan duwwaan kun dhuma hin qabuu?

wonti isin na woliin hagana akka logamtan isin taasise maali'i?

4Isin bakka kiyya taatanii;

ani bakka keessan uduu ta'ee;

tuffi'iin mataa raasa'aa waan isin amma natti dubbattan kana maraa

silaa midhaassee isinitti dubbachuu danda'a ture.

5Anillee silaa dubbima afaan kiyyaatiin isin jajjabeessa;

arraba kiyyaanillee dhukkubbii keessan hin salphisa ture.

6Garuu baay'ee dubbadhe'eefillee dhukkubbiin kiyya naa hin salphatu;

cadhiseellee yoo obse rakkinni na irraa hin ka'u.

7Waandhana! nafa kiyya fayyaa dhooggite;

maatii kiyya maraa na jalaa fixxe.

8Qonshooruun fuula kiyyaa ragaa natti ta'e;

huqqinni kiyyallee natti ka'ee

ati cubbama'a jedhee natti rage.

9Rabbi lolee nafa kiyya kukkute;

jibbansaan ilkaan natti qarate.

diinni kiyya ija natti babaase.

10Namoonni na marsanii natti baldan

coora'aa dhabanaasa'aan na dhayan.

11Rabbi namoota hammeeyyi'itti dabarsee na kenne;

harka worra dhibanii irratti na gate.

12Ani silaa nagayaan jiraadha;

Rabbi garuu lola ufiitiin na caccabse.

hudhee lafaan na dhaye; karoora ufii keessa na oolfate.

13Worri eboo qaban na marsan.

uduu garaa hin laafne kalee kiyya kukkutan.

hadhooftuu na jissan.

14Deddeebi'ee na madeesse;

akka loltuu jaba'aatitti utaalee na irra baye.

15Gaddaaf uffata gaddaa hodhadhee uffadhe;

daaraa keessatti gombifame.

16Booyichaan fuulli na diimate.

Dukkanni jaamaanillee nyaara ijaa na cufe.

17Kun maruu ta'ee cubbuun ani hojjadhe hin jiru;

garaa qulqullu'uun Rabbiin kadhadha.

18«Laftana! daba na irratti hojjatame hin dhossin!

iyya waan haqaatiif gara kee iyyadhu akka dhokatee hafu hin godhin!

19Kunoo ka naa mormuu fi

ka naa falmu Samii jira.

20Goshoonni tiyya ija tuffi'iitiin na laalan;

ani garuu Rabbumatti booya.

21Akkuma namni firaa fi fira wolitti araarsu,

namaa fi Rabbiinillee ka wolitti araasu uduu argamee!

22Dhumti umurii kiyyaa dhiyaateera;

Gara hulee hin deebinee dhaqu'uuf

baruma diqqo'otu na hafe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help