1Waaqa banii maraa!
huleen tee ta jireennaa attam jaalatamtu'u!
2Lubbuun tiyya bayimman Rabbii
yaaddi;
guddifteellee dharraati;
garaanii fi foon kiyyallee,
Waaqa jiraata'aa ililfadhaa'a.
3Mooti'ii fi Waaqa kiyya; Waaqa banii maraa;
bakka huleen ciinca'aa kee jiru;
simbirti didiqqoonuu bakka jireennaa;
handariin didiqqoonillee
goom'ee ilmoolee ufii jiraachiftu argatte.
4Worri mana kee keessa jiraatan worra eebbaati;
isaan baraa haga bara baraa si galatoonfatan.
5Worri jajjabeenna ufii si taasifatan;
worri garaa ufii keessatti karaa Tsiyoonii dhudhuman;
worra eebbaati.
6Isaan hennaa dhooqa gogaa «Bakaa» jedhamu keessa lufan;
Rabbi burqaa isaaniif burqisiisa;
haroowwan isaanii rooba badheessaatiin guuta.
7Hunna irraa gara hunnaa ceeyan;
isaan maruu Waaqa Tsiyooniin jiru afoo dhiyaatan.
8Waaqa banii maraa! faatee kiyya dhagayi;
yaa Waaqa Yaaqoobii! naa caqasi.
9Waandhana! wontee keenna nuu laali;
ka muuddellee laali.
10Bakka biraa guyyaa kumaa jiraachuu irra;
guyyaa tokko bayima kee keessa ooluu woyya;
daasee hammeeyyi'ii keessa taa'uu irra;
balbala mana Waaqa kiyyaa dhaabachuu filadha.
11Rabbi Waandhi adu'uu fi wontee waan ta'eef;
Rabbi gaachena fi ulfinna namaa kenna;
Rabbi worra qajeellumma'aan jiraatan;
waan mishaa isaan hin dhooggatu.
12Waaqa banii maraa!
namni sitti amane ka eebbaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.