1Aadam Seetii uumate; Seeti Heenoosiin uumate; Heenoos Qaayinaaniin uumate;
2Qaayinaan Malaali'eeliin uumate; Malaali'eel Yaareediin uumate;
3Yaareedi Heenookiin uumate; Heenooki Maatusaalaa uumate; Maatusaalaan Laamehiin uumate;
4Laamehi Noohiin uumate; Ijoolleen dhiiraa ta Noohii Seem, Kaamii fi Yaafeeti;
5Ijoolleen dhiiraa ta Yaafeetii Gaameer, Maagoog, Maadee, Yaawaan, Toobeel, Moosaah fi Taraasi;
6Ijoolleen dhiiraa ta Gaameerii Askanaas, Rifaatii fi Tergaamaa fa'a.
7Ijoolleen dhiiraa ta Yaawaanii Eliisaa, Tarsees, Kitimii fi Roodi'iin fa'a.
8Ijoolleen dhiiraa ta Kaamii Kuush, Mitsiraayim, Fuuxii fi Kana'aaniin fa'a.
9Ijoolleen dhiiraa ta Kuushii Saabaa, Hawilaa, Sebitaa, Raa'ima'aa fi Sabtakkaa fa'a; ijoolleen dhiiraa ta Raa'ima'aa Saaba'aa fi Didaani.
10Kuush Naamruudiin uumate; Naamruudi adunyaa keessatti loltuu jabaa jalqabaa ta'e.
11Mitsiraayimi abboota gosa Luudiimii, abboota gosa Anaamiimii, abboota gosa Lehaabii, abboota gosa Nafituheemii,
12Abbaan Filisxeemotaa Faatiruusimii fi Kaasiluuhim banii gosa Kaaftoorimii fa'a uumate.
13Kana'aan abbaa gosa Siidoonii, abbaa gosa Keexi'ii,
14abbaa gosa Iyyaabusootaa, abbaa gosa Amoorotaa, abbaa gosa Gergeseenootaa,
15abbaa gosa Eewwotaa, abbaa gosa Arkaawotaa, abbaa gosa Seeniyaawotaa,
16abbaa gosa Araadeewotaa, abbaa gosa Samaareewotaa, abbaa gosa Amaatii fa'a uumate. Kunniin maruu fiixaa gosa Kaamiiti.
17Ijoolleen dhiiraa ta Seemii Eelaam, Aasoor, Arfaakisd, Luudi, Aaraam; Ijoolleen dhiiraa ta Aaraamii Uutsi, Huuli, Geetirii fi Moosaaliin fa'a.
18Arfaakisd Saalaa uumate, Saalaan Ebooriin uumate.
19Eboor ijoollee dhiiraa lama uumate; bara san waan lafti qoqqoodamteef maqaa mucaan tokko Faaleeq jedhamee waamame; obboleessi isaa garuu Yooqixaan jedhame.
20Yooqixaani Almoodaadiin, Saaleefiin, Hasraamootiin, Yaaraahim,
21Hadooraahim, Awuzaalim, Daqlaan,
22Obbooliin, Abimaa'el, Saabaan,
23Ofriin, Ewulaaxiin, Yoobaabiin uumate; Kunniin maruu ijoollee dhiiraa ta Yooqixaanii turan. Fiixaan Seemiin irraa haga Abraamii maayessa Abrahaam jedhamee
24Seem, Arfaakisdi, Saalaa,
25Eboor, Faaleeq, Raagi'uu,
26Seeroohi, Naakoori, Taaraa,
27akkasuma fiixaa Abraamii maayessa Abrahaam jedhamee fa'a.
Fiixaa Ismaa'elii(Ser. Uma. 25:12-16)28Abrahaam ijoollee dhiiraa Yisaaqii fi Ismaa'eliin uumate;
29Fiixaan Ismaa'elii kanniin; mucaan hangafaa ka Ismaa'elii Nabaayooti, Qeedaari, Nabidaa'el, Mabiisaami,
30Maasimaa, Duumaa, Maasaa'a, Kudaan, Teemaan,
31Ixuur, Naafeesii fi Qeedimaa fa'a; kunniin maruu ijoollee dhiiraa ta Ismaa'eliiti.
32Ijoolleen Abrahaam ta mata gala ufii Keexuraa irraa argate Zamiraan, Yooqisaan, Meedaan, Miidiyaam, Yesibooqi, Siweehi; ijoolleen Yooqisaanii Saaba'aa fi Didaan.
33Ijoolleen dhiiraa ta Miidiyaamii Geefeer, Eefeer, Heenoohi, Abidaa'ii fi Eelda'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aa turan.
Dhaloota Eesawu'uu(Ser. Uma. 36:1-19)34Abrahaam Yisaaqiin uumate; ijoolleen Yisaaqii Eesawu'uu fi Israa'eliin fa'a.
35Ijoolleen dhiiraa ta Eesawu'uu Eelfaaz, Raagu'eel, Ye'uutsi, Yee'ilaamii fi Qoree fa'a.
36Ijoolleen dhiiraa ta Eelfaazii Teemaan, Omaar, Sifoo, Gootomi, Qeeneez, Timinaa'ii fi Amaaleeqi fa'a;
37Ijoolleen Raagu'eelii Naahooti, Zaaraa, Saama'aa fi Mizahaa fa'a.
Worra Jalqabaa Ka Eedoomiin Keessa Jiraatan(Ser. Uma. 36:20-30)38Ijoolleen dhiiraa ta Seeyirii Looxaan, Soobaal, Tsibi'oon, Aanaa, Diisoo, Eesirii fi Diisaan fa'a.
39Ijoolleen dhiiraa ta Looxaanii Hoor, Heemaam, Timunaa'ii fi Obboleettii Looxaanii fa'a turte.
40Ijoolleen dhiiraa ta Soobaalii Aalwaal, Manihaad, Eebaal, Siifoo fi Awunaamiin fa'a.
Ijoolleen dhiiraa ta Tsibi'oonii Ayyaa fi Aanaa fa'a.
41Ilmi Aana'aa Diisoon.
ijoolleen dhiiraa ta Diisoonii Heemdaan, Esbaan, Yitinaanii fi Kiraaniin fa'a.
42Ijoolleen dhiiraa ta Aatsirii Bilihaan, Za'iwaanii fi Aqaaniin fa'a.
ijoolleen Diisoonii Uutsii fi Aaraan fa'a.
Mootota Eedoomii(Ser. Uma. 36:31-43)43Ijoollee Israa'elii irratti uduu mootiin tokkollee hin moosifamne mootonni biyya Edoomiyaasiititti mooyan kanniin fa'a; qachaan ilmi Bi'oorii Baalaaq bulche Dinhaabaa jedhamti turte.
44Baalaaq du'ee bikka isaa namni biyya Baasora'aa ilmi Zaara'aa Iyyoobaab mooye.
45Iyyoobaabillee du'ee bikka isaa Husaamiin namni biyya Teemaanii mooye.
46Husaamillee du'ee bikka isaa Haadaad ilmi Baadaadii ka raasaa Moo'aabotaatitti Miidiyaamota dhayetu mooye; maqaan qachattii sanii Haawiti jedhamti.
47Haadaadillee du'ee bikka isaa namicha biyya Masireqe'aa Saamila'atu mooye.
48Saamilaanillee du'ee bikka isaa Saa'ul namni biyya Rohoobootii laga Efraaxisii biratti argamtuutitu mooye.
49Saa'ulillee du'ee bikka isaa Alihaanaaniin ilmi Akiboorii mooye.
50Alihaanaanillee du'ee bikka isaa Haadaad mooye; maqaan qachattii sanii Faa'uu turte; haati manaa isaa ta Maahexabi'eel jedhamtu intala ilma ilma isaa ta Maanaareedii turte.
51Haadaadillee hin du'e; bulchoonni Edoomiyaasii Timinaa'i, Aliwaa, Yeetee,
52Ahiilibaamaa, Eelaa, Finoon,
53Qeeneez, Teemaam, Mibisaar,
54Magidi'eelii fi Iraamiin fa'a; kunniin bulchoota worra Eedoomii turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.