1Arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a;
jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef.
2Worri Rabbi fure;
ka diina harkaa isaan oolche kana haa jedhanii,
3Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii,
kaabaa fi kibbaa
namoonni inni biyya maraa wolitti qabe akkana haa dubbatanii.
4Gari gariin gammoojjii hamaa keessatti raantayan;
karaa qachaa isaan keessa jiraatan geessu dhaban.
5Hin beelayan, hin dheebotan,
lubbuun isaanii isaan keessatti dadhabde.
6Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan;
Innillee rakko'oo isaan baase.
7Gara qachaa keessa jiratanii;
karaa qajeelaa isaan masakke.
8Rabbiin waan jaalala isaatiif;
hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef
isa haa galatoonfatanii.
9Inni waan lubbuu dheebotte dheebuu baaseef,
lubbuu beelofte waan misha'aan quubseera.
10Gari gariin worra haada sibiilaatiin hidhamanii rakkatan;
worra dukkana keessa; gaaddisa du'aa jala taa'an turan.
11Dubbii Rabbii didu'uun;
gorsa ka Maraa olii waan salphisaniif.
12Kanaafuu hujii hunnaatiin onnee isaanii dadhabsiise;
hin gaggataantaran; ka isaan irkisullee
hin turre.
13Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan;
Innillee rakko isaanii keessaa isaan baase.
14Dukkanaa fi gaaddidduu du'aa jalaa isaan baase;
hidhaa isaanii hin kukkute.
15Rabbiin waan jaalala isaatiif;
waan hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef
isa haa galatoonfatanii.
16Inni balballan sibiila diima'aa waan caccabseef;
loosaa sibiilaallee kukkuteera.
17Gari gariin sababaa didda'aatiin gowwoota ta'an;
sababaa yakka ufiitiif rakkoo keessa seenan.
18Nafti isaanii nyaata maraa balfe;
gara balbala du'aa dhiyaatan.
19Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan;
Innillee rakkinna isaanii keessaa isaan baase.
20Dubbii ufii ergee isaan oolche;
afaan boollaatii isaan deebise.
21Rabbiin waan jaalala isaatiif;
hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaatii godheef
isa haa galatoonfatanii.
22Ciincaa galataa haa dhiyeessaniifii;
hujii isaa faaruu nama gammachiisuun ibsaa'a.
23Gari gariin markabaan galaana keessa bu'an,
bisaan guddaa irratti hujii ufii raawwatan.
24Achitti hujii Rabbii argan;
hujii isaa ka maalale'ee
bisaan xiillaa keessatti guuttatan.
25Inni dubbatee haboonbolattii kaase;
bubbeen dambalii ol kaase.
26Gara sami'ii ol bayan; gara xiilla'aa gad bu'an;
sababaa rakkoo isaaniitiif hadhooftuun isaanii jige.
27Akka nama machaayee lafti isaaniin marte;
asii fi achi gatantaran;
malli harkaa badee waan godhan dhaban.
28Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan;
innillee rakkoo isaanii jalaa isaan baase.
29Haboonbolattii hin cadhisiise;
dambalii galaanaallee haxum godhe.
30Waan cadhiseef hin gammadan;
gara qarqara yaadanii isaan geesse.
31Rabbiin waan jaalala isaatiif;
hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef
isa haa galatoonfatanii.
32Gumii bani'ii keessatti isa haa kabajjanii;
gumii manguddootaa keessatti isa haa jajanii.
33Laggiin gammoojji'itti;
burqaawwan bisaaniillee lafa goga'atti jijjiire.
34Sababaa hammeenna worra isii keessa jiraatuutiif;
lafa daraaraa baaftu la sooqiddaa godhe.
35Lafa gammoojji'ii hulee bisaan itti wolitti qabamu;
lafa gogaa gara burqaa bisaaniititti jijjiire.
36worra beelaye achi irra jiraachise;
qachaa keessa jiraatan ijaaratan.
37Qonna isaaniititti hin facaafatan;
woyinii dhaabatan;
midhaan baay'ee galfatan.
38Isaan eebbisa; isaanillee guddisanii baay'atan;
horii isaanii akka diqqaatu hin taasisu.
39Hucuucamaan, rakko'oo fi gaddaan;
laakkobsi isaanii diqqaatee;
salphatanii turan.
40Qondaaltota akka tuffataman taasise;
lafa gammoojji'ii ka bayaa galti isaa hin beekkamne keessa
isaan raanteesse.
41Rakkattoota ammo rakkoo keessaa harkisee
isaan baase;
maatii isaanii akka gobbuu hoolotaa
baay'esse.
42Worri garaa qajeela'aa kana arganii usheexxan;
dabdi maruu afaan qabatti.
43Eeganaa eennullee yoo qaroo ta'e
waan kana haa hubatuu;
innillee jaalala Rabbii hin hubata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.