1Waan jaalalloo kiyyaa;
akkasuma waan hulee isaa ka woyini'iitiif haa faarfadhuu;
jaalalloon kiyya tulluu lalisaa irratti
hulee woyini'ii qaba ture;
2Lafa ufii hin qote; dhagaa guuree keessaa baase;
woyinii filatamaa itti dhaabe.
isa irratti siree irra taa'anii eegan ijaare;
boolla cuunfaa woyini'iillee hin qopheesse;
achii daraaraa mishaa daraara jedhee yaade;
garuu daraaraa dhangaggaayaa daraare.
3«Isin namoota Yihuuda'aatii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraattan;
anaa fi hulee woyini'ii kiyya jiddu'utti mee murteessaa'a;
4waan amma godheef kana caalaa hulee woyini'ii kiyyaa
maal godhu'utu barbaachisa ture?
uduu daraaraa mishaa woyini'ii daraara jedhee eegu;
maaf daraaraa dhangaggaayaa daraare?
5Eeganaa ani hulee woyini'ii kiyyatti
maal akka godhu isinitti haa himuu;
dallaya isaa hin buqqisa;
badi'iif ifa baya;
gamoo hin diiga
ka irra deeman ta'a.
6Lafa badu, ka hin shuqunamnee fi
ka hin kunuunfamne taasisa;
qore'ee fi qummuuddu'utu keessatti marga;
akka roobni itti hin roobne
duumessa dhoogga.»
7Huleen woyini'ii ka Rabbii Gooftaa banii maraa
mana Israa'eliiti;
namoonni Yihuuda'aa
biqiltuu gammachuu isaati;
haqa barbaade; garuu ka dhiiga jissan arge;
balchummaa barbaade;
garuu iyya cunqurfama'aa dhagaye.
Hammeenna Namootaa8Worri akka huleen namoota kaawwanii hin hafnetti;
mana mana irratti eda'a'aa;
lafa lafaan qabsiisa'aa;
hojjuma keessan lafa irra babadhattanii jiraattan
isin hobbaasi!
9Uduu gurri kiyya dhagayu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee dubbate;
«Manniin gugurdaan ona ta'an;
manniin babbareedanillee ka isaan keessa jiraatan dhaban.
10Hulee woyini'ii ka heektaara kudhanii irraa,
cuunfaa woyini'ii liitira saddeet callaa ta'a;
sanyii kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettama facaafatanillee
cuunfaa woyini'ii iifii tokko callaa kenna.
11Worra dhuddoo macheessu soqaa
ganamaan ka'an
haga isaan gubutti woyinii dhuga'aa bariisisan
isaan hobbaasi!
12Affeerraa isaanii keessa;
kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqoo'o,
dibbe'ee fi boobaa;
akkasuma woyini'itu jira.
garuu hujii Rabbiitiif hulee hin kennine;
hujii harka isaatiif ulfinna hin kennine.
13Kanaafuu baniin kiyya
beekkumsa dhabu'uun booji'ama;
qondaaltonnillee beelaan dhuman;
baniinillee dheebisaan gubata.
14Kanaafuu asaabni garaa badhifatte;
afaan ufii hagaa ol bante;
qondaaltonninii fi baniin;
worra jeequu fi worra lafa dhiitu woliin
achi seenan.
15Namni hin salphata;
ilmi namaa gad jedha;
ijji nama boonuu hin buruxxi.
16Rabbi Gooftaan banii maraa garuu haqaan kabajjama;
Waandhi woyyuun woyyummaa ufii balchumma'aan ibsa.
17Hoolonni akkuma waan hulee ufiititti bobba'aniititti
dheedan
korbeeyyiin hoolotaallee hulee diiggame ka dureeyyi'iititti
bobba'anii marga dheedan.
18Worra haada sobaatiin cubbuu harkisu;
worra wodaroo sobaatiin yakka harkisan
isaan hobbaasi!
19«Akka ijji teenna hin argine;
Rabbi haa jarjaru;
hujii ufii haa ariifachiisu;
woyyicha Israa'elii;
karoora isaa akka beennu;
haa dhiyaattuu; haa dhuftuu» worra jedhan
isaan hobbaasi!
20Worra waan hamaa misha'a;
waan mishaa hama'a jedhan;
worra dukkanaan ifa;
ifaan dukkana jedhan;
worra waan mi'aayu hadhaaya'a jedhan
worra waan hadhaayaa mi'aaya'a jedhan
isaan hobbaasi!
21Worra akka qaro'ootitti uf laalan;
worra akka yaada isaaniititti ogeeyyii uf taasisan
isaan hobbaasi!
22Worra daadhii woyini'ii dhugu'uun janna ta'an,
worra dhuddoo nama macheessu wolitti maku'uun jabaatan
isaan hobbaasi!
23Worra gabbarsuu fudhatu'uun yakkamtoota qulqulluu taasisan;
worra nama yakka hin qabne haqa isaa dabsan
isaan hobbaasi!
24Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa buraa nyaatu;
akkuma ibiddi huura gubee balleessu;
hiddi isaaniillee akkasuma shama;
abaaboon isaaniillee akkuma daara'aatitti bittinnaaya;
waan seera Rabbii Gooftaa banii maraa tuffataniif;
dubbii woyyichi Israa'elii dubbatellee hin salphisan.
25Lolli Rabbii banii isaatitti bobayeera;
harka ufii ol kaasee isaan dhayeera;
gaarran hin hollatan;
reeffi isaanii akkuma kosii karaa keessatti gatanii ta'e;
kun maruu ta'ee garuu inni lola ufii hin dhaabsifne;
harki isaa akkuma ol ka'etti jira.
26Malkata banii fagoo jiran itti waamu dhaaba;
fiiqu'uun daangaa ardi'iitii isaan waama;
isaanillee jarjara'aa
ariiti'iin dhufan.
27Isaan jidduu dadhabaanii fi
ka qaama dhidhu'uu hin argamu;
ka muguu fi ka rafu hin jiraatu;
sabbanni mudhii isaanii hin furatu;
miseensi kophee isaanii hin citu.
28Eboon isaanii qarama'a;
buundheen isaanii ka mirmirfame;
korboon konkolaataa isaanii ka fardaa
akka haboonbolatti'iiti.
29Iyyi isaanii akka leencaati;
akkuma leenca darmi'iititti aadan;
waan adamsan harkatti qabatanii iyyan;
baadhatanii deeman;
ka isaan buusisiisu hin jiru.
30Guyyaa san
akka dambalii galaanaatitti huursan;
eennullee yoo gara lafaa gad laale;
dukkanaa fi rakkoo arga;
iftinuu duumessaan golgama.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.