1Isin banii Israa'elii! dubbii Rabbi isinitti himu dhagayaa'a!
2Rabbi akkana jedha,
«Jireenna worra ormaa hin hordofinaa'a;
worri ormaa yoomillee hennaa waan haarawa samii irratti argan
sodaatanii hollachuun amala isaaniitii;
isin garuu kanaan hin raafaminaa'a.
3Waaqeffannaan aada'aa ka worra Yihuudota hin taanee duwwa'a;
munni bosonaa murama;
ogeessi ura'aan sambara itti baasa.
4Meeti'ii fi worqi'iin bareechisan;
akka irraa hin buune mismaari'iin wol qabsiisan.
5Fakiin akkanaa kunniin
akka fakii simbira gara garaatiin sodaachisu'uuf
baasqulaa keessatti dhaabaniiti;
dubbachu'uu fi deemuu waan hin dandeenneef
namootatu isaan baadhata;
miidha'aa fi faayidaallee waan hin qabneef
isaan hin sodaatinaa'a»
6Yaa Rabbi! ka si fakkaatu hin jiru;
ati jaba'a;
maqaan kee gudda'aa fi ka nama sodaachisu.
7Ati mootii mootota maraa waan taateef
mootota keessaa ka si hin sodaanne eennu?
ogeeyyii worra ormaatii fi mootota isaanii jiddu'uttillee
ka si fakkaatu waan hin jirreef ulfinni keeti.
8Martinuu gowwootaa fi wollaaltota waan ta'aniif malee
fakii muka irraa hojjatan irraa barumsa maal argatan?
9Fakiin waaqa tolfamaa isaanii meetii tumame ka biyya Tarsesiitii dhufee fi
worqii biyya Ufaaziitii argameen maxxanfameera;
ogeeyyi'itu hojjatee midhaasse;
uffata worri jirbii fooyan dhayaniin
diimaa dhiilge'ee fi diimaa limmisa'aan uwwifameera.
10Yaa Rabbi! ati garuu Waaqa dhuga'aati;
ati Waandhi jiraataan mootii bara baraati;
hennaa ati dheekkamtu adunyaa maratu raafama.
mootonni biyya ormaa danda'anii dheekkamsa kee afoo hin dhaabatan.
11«Waaqoleen tolfamaan akka ardi'ii fi samii hin uumnee fi akka ati Rabbi waaqolee tolfamaa maraa balleessitu itti himi» naan jette.
Galata Rabbii Dhiyaate12Rabbi hunna ufiitiin ardii uume;
ogummaa ufiitiin adunyaa dhaabe;
beekkumsa ufiitiin samiiwwan diriirse.
13Ajaja isaatiin bisaan samiiwwan gubbaa jiru laagaa huuru'uu dhageessisan;
Inni daangaa lafaatii duumessa fida;
hennaa roobaa bakakkaa buusa;
qilleensa hulee itti kuufamee gad dhiisa.
14Isaan maruu gowwootaa fi worra beekkumsa hin qabne ta'an;
fakiiwwan isaan hojjatan ka sobaatii fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif
worri waaqa tolfamaa sanniin hojjatan maruu ufumaa itti saalfatan.
15Waaqoleen tolfamaan kunniin ka gatii hin qabnee fi meeshaa itti baldan;
Rabbi hennaa isaan adabu'uuf dhufu isaan hin badan.
16Waandhi Yaaqoobii garuu akka isaaniitii miti;
Inni uumaa waa maraati;
Israa'el banii isaa akka ta'u filateera;
maqaan isaa Rabbi Gooftaa banii maraati.
Baqa Dhufa Dhiyaate17Isin banii qachaa Yerusaalemii ta marfamte keessa jiraattan!
achi keessaa bayu'uuf daddafa'aa meeshaa keessan wolitti qabadhaa'a!
18Rabbi akkana jedha,
«Amma banii biyya tana
keessa jiraatan hin yaasa;
isaan hucuucee akka booji'aman isaan taasisa.»
19Baniin Yerusaalemii iyya'aa
«Nu guddifnee waan madoofneef nu hobbaas!
madaan teenna ta hin fayyine;
nu rakkoo kana maraa waan dandeennee obsinu seene.
20Daaseewwan keenna diiggamaniiran;
haanni isaaniin diriirsanillee cicciteera;
ijoolleen teenna maruu baqatanii waan deemaniif,
namni daaseewwan keenna deebisee nuu dhaabuu fi
golgaawwan keenna deebisee nuu fannisu tokkollee biyyatti nuu hin hafne»
21Anillee akkana jedhee deebise,
«Bulchoonni teenna waan gowwoota ta'aniif
Rabbiin gargaarsa hin gaafanne;
sababaan kufanii fi wonti baniin keenna bittinnaayaniif kana.
22Oduun badduun dhufteertii dhagayaa'a!
mootummaan gara kaabaa qachoota biyya Yihuuda'aa
diigee ona taasisee hulee jeedallan keessa jiraatan godhu'uuf
raataya'aara.»
23Yaa Rabbi! namni jireenna ufii irratti akka waa ajajuu hin dandeennee fi
adeemsa ufiillee akka baallii ufiitiin tooyachuu hin dandeenne hin beeka.
24Yaa Rabbi! ati murtii dhuga'aa waan murteessituuf nu gorsi;
kun garuu nu akka hin banne
hennaa dheekkamsa keetii hin ta'in.
25Ati worra si hin beennee fi banii maqaa kee hin beenne irratti balaa kee buusi;
isaan banii keenna fixaniiran;
nu maraa balleessanii biyya teenna barbadeessaniiran.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.