1Ajajaan woraanaa ijoon mootii Asoorii Saargoon ergamee woggaa qachaa Azaaxoonii qabate,
2Bara san Rabbi ilma Amootsii raatticha Isaayyaasiin, «Deemii uffata gaddaa kee uf irraa mulqi; kophee keellee lukaa baafadhu» jedhee itti dubbate; innillee uffata gaddaa mulqatee, kophee ufiillee baafatee qullaa deeme.
3Rabbi akkuma garbichi kiyya Isaayyaas biyya Misiriitii fi biyya Itoophiya'aa keessatti woggaa sadihiif malkataa fi waan baasaatiif qulla'aa fi kophee malee deeme,
4akkasuma mootiin biyya Asoorii boojuu biyya Misiriitii fi ka biyya Itoophiya'aa, jaarsaa fi ka'imman qullaa hafanii kophee lukaa baafatanii akka gara rakkinna biyya Misirii dhaqan isaan godha.
5Worri Itoophiyaa abdatan, worri Misiriin dhaadatan hin sodaatan, hin salphatan.
6Hennaa san worri galaana ladda jiraatan ‹Nu'u mootii biyya Asoorii jalaa oolu'uuf abdiin keenna ka gargaarsa argachu'uuf gara isaanii dheessine kana, nullee attamiin jalaa baana?» jedhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.