Raajii Hisqeelii 11 - Kitaaba Woyyuu

Murtii Yerusaalemitti Murteeffame

1Hafuurri lafaa ol na kaasee gara balbala baya biiftu'uu ka mana Rabbii bira jiru bira na fide; achi balbala dallawaa biratti namoota diddamii shanii arge; isaan keessa namoonni banii bulchan Azaaniyaa ilma Azuuriitii fi Falaaxiyaa ilma Banaaya'aa fa'atu jira.

2Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! namoonni kunniin karoora badaa baafatan; qachattii tanatti waan hamaa mari'atan.

3‹Hennaan deebinee manniin itti ijaarru fago'oo miti; qachattiin akka ottee foon itti affeelanii taatee nu garuu isii keessatti akka foon affeelamee taaneerra› jedhan.

4Kanaafuu ati ilma namaa isaanitti raaga dubbadhu»

5Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii na irra bu'ee Rabbi akkana jedhii dubbadhu naan jedhe, «Isin banii Israa'elii! isin waan kana dubbattaniirtan; yaada keessan keessa waan jiru ani hin beeka.

6Qachaa tana keessatti nama hedduu ajjeeftaniirtan; karaa isi'ii maraa reeffaan guuttaniirtan.

7Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii isiniin jedhu kana, ‹foon ottee foon itti affeelan keessa jiru namoota isin ajjeeftan; qachattiin tun ottee foon itti affeelan; isin garuu qachattii keessa baqattan.

8Isin woraana sodaattaniirtan; ani garuu woraana isinitti fida; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.

9Ani qachattii keessaa isin baasee banii ormaatitti isin kennu'uun isinitti murteessa.

10Kanaafuu daangama biyya teessaniititti woraanaan isin ajjeesan; ani daangama Israa'eliititti isinitti murteessa; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.

11Qachaan tun ottee foon itti affeelan isinitti hin taatu; isinillee isii keessatti akka foonii hin taatan; ani daangaa Israa'elii irratti isinitti murteessa.

12Isin seeraa fi ajaja kiyya diiddanii seeraa fi ajaja banii ollaa keessan jiruu waan raawwataniif ka isinitti murteesse akka ana Rabbiin ta'e beettan.»

13Hennaa ani raaga dubbadhu Falaaxiyaan ilmi Banaya'aa kufee du'e; anillee kallachaan lafatti gad kufee iyya'aa, «Rabbii maraa olii! banii Israa'eliin keessatti hafe maraa fixuu barbaaddaa?» jedhe.

Abdii Rabbii Worra Baqatanii Kenne

14Rabbi akkana naan jedhe,

15«Ilma namaa! worri Yerusaalemiin keessa jiraatan waan fira keetii, waan worra kee ka baqateetii fi waan banii Israa'elii maraatiif hin mari'ata'aaran ‹isaan waan Rabbiin irraa fagaataniif Rabbi lafa isaanii dabarsee nuu kenneera› jedhan»

16Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yoma ani akka isaan biyya fagoo dhaqanii achi keessa jiraataniif banii hedduu keessa isaan bittinneessellee Ani hennaa hago'oof mana woyyuu isaan itti wol gayan isaanii ta'a.

17Kanaafuu waan ani Rabbi isaaniin jedhu maraa isaanitti himi; ani banii isin keessa jiraattanii fi biyya isin itti bittinnooftan keessaallee wolitti isin qaba; biyya Israa'eliillee deebisee isinii kenna.

18Isaan hennaa deebi'an waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu yoo argan uf afo'oo balleessan.

19Onnee tokko isaanii kenna; Hafuura haarawa isaan keessa kaaya; onnee akka dhaga'aa jabaatte isaan keessaa baasee onnee akka foonii laaftu isaanii kenna.

20Hennaa san isaan seera kiyya raawwatan; ajaja kiyya maraa hin kabajjan; isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a.His. 36:28

21Worra onnee ufiitiin waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu hordofan garuu akkuma hujii isaaniitiin isaanii kenna» jedha; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.

Ulfinni Rabbii Yerusaalemiin Irraa Fagaate

22Hennaa san Kiruubeelonni koola ufii badhisanii bararuu jalqaban; miilli akka miila korbo'oo isaan ladda jira; ulfinni Waaqa Israa'elii ka calanqisu isaan irra jira.

23Ulfinni Rabbii ka calanqisu qachattii keessaa ka'ee gaara gara qachattiin gara baya biiftu'uu jiru irra dhaabate.His. 43:2-5

24Hafuurri ol na kaase; mudhata Hafuura Rabbiitiin kennameen gara worra baqatan ka Baabilooniin keessa jiruu na fide; achiin maayessa mudhanni ani arge ka'ee na irraa deeme.

25Anillee waan Rabbi natti mudhise maraa worra baqate sanniinitti hime.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help