Kitaaba Iyyaasu'uu 13 - Kitaaba Woyyuu

Lafa Dhaalamu Ka Hin Qabatamne

1Iyyaasuun umuri'iin nama guddaa ta'ee jaare; Rabbillee «Ati jaartee nama guddaa taateerta; biyyi hin booji'amne ammallee baay'e'etu hafe.

2Biyyoonni hafan kanniin; biyyi Filisxeemiitii fi biyyi Geeshurootaa maruu,

3Laga shihoorii ka biyya Misirii afoo jiruu jalqabee haga daangaa biyya Kana'aanii taate Gaazaa, Azaaxoon, Asqaloonaa, Geetii haga Aqaroonii jajjaboonni shanan worri gara bita'aatiin jiranillee

4Worri Eewwotaa, worri biyya Kana'aanii maruu, Ma'aaraa worra Siidona'aatii haga daangaa Amoorotaa haga Afeqii,

5worri biyya Gebaalotaa, Algaadii gara baya biiftu'uutiin gaara worra Armoonotaa jirtuu jalqabee haga seensa hamaatii, Libaanosiin maruu,

6worri gaara irra jiraatan maruu Libaanosii jalqabee haga Maaseroonii, Siidoonaan maruu, kanniin maraa afoo ijoollee Israa'eliitii ari'a; akkuma ani si ajaje lafa isaanii worra Israa'eliitii qoodiif.Lafa Roobeelii Kennan

15Muuseen ijoollee Roobeeliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa kenne.

16Daangaan isaaniillee dhooqa Aarnooniitii daangaa Aro'eerii jidduu jirtuu jalqabee haga

17raasaa Midiba'aa maraa Haseboon, qachoota isii keessa jiran maraa, Dibooniin, Baamoota'aal, Beetiba'aalmi'oon,

18Yaahiis, Qideemooti, Meefi'aati,

19Qiryaataarim, Seebaamaa'a. Phexishaar ta gaara dhooqa keessa jirtuu,

20Beetafaagoor, lafa gaara faasika'aatii gad jirtuu.

21Beetiyaashimoot, qachoonni raasaa keessa jiran maruu, mootiin Amoorotaa ka Haseboonitti mooye, mootonni Seewoonii maruu mootii Hasebooniitii gibira kenna'aa turan. Muuseen isaa fi abboota murti'ii ka lafa Seewoonii keessa jiraatan, bulchoota Miidiyaamii Eewiin, Roqoom, Suuriin, Huuriin Riibaa fa'a dhaye.

22Worra ajjeesan kaawwan woliin ilma Bi'oorii morticha worra gosa Israa'elii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan.

23Daangaan ijoollee Roobeelii haga laga Yoordaanosii ture; lafti ijoollee Roobeelii qachootaa fi gandoonni akkuma gosa isaaniitiin kanniin ture.

Lafa Gosa Gaadiitiif Kenname

24Muuseen ijoollee gosa Gaadiitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii kenne.

25Daangaan isaaniillee qachaa Iyyaazeeriitii fi qachaa Gala'aadii maraa, haga lafa wodhakkaa ijoollee Amoonotaa Barabaatiin afoo jirtuu haga Aro'eerii, Haseboonii jalqabee,

26Haga Raamaatii Mitsipha'aa haga Beexoonimii Mahaanaayimii haga daangaa Daabeerii,

27Beetihaaramii dhooqa keessaa, Beetinimiraa, Suukooti, Tsafoon, mootii Hasebooniitii fi mootii Seewooniitii ta hafte ture; daangaan isaaniillee Yoordaanosii gara cinaa baya biiftu'uu Yoordaanosiin gama daangaa galaana Kineereetii ture.

28Lafti ijoollee Gaadiitii fi gandinii fi qachaan isaanii akka gosa isaaniitiin kanniin.

Lafa Wodhakkaa Worra Gosa Minaase'ee Ka Gara Baya Biiftu'uutiin Jiraataniif Kenname

29Muuseen wodhakkaa gosa Minaase'eetii lafa kenne. Lafti ijoollee Minaase'ee akka gosa isaaniitiin kana ture.

30Daangaan isaanii Manaayii jalqabee haga mootii Baasaanii Aagii, Baasaan, gandoonni Iyyaa'irii ka Baasaaniin keessa jiran, qachoonni jahaatamaa maruu wodhakkaan gala'aadii.

31Mootonni Aagii ka qachoota Baasaanii keessa jiran, Astaarootii fi Eediraayi; Kunniin ilma Minaase'ee ka ijoollee Maakiriiti; lafti ijoollee Maakirii akka gosa isaaniitiin kana ture.

32Lafti Muuseen uduu karaa baya biiftu'uu Iyyaarikoo afoo raasaa laga Yoordaanosiitiin gama raasaa moo'aabii jiru qoode kana.

33Muuseen gosa Leewwi'iitiif lafa hin kennine; lafti isaanii akkuma Rabbi Waandhi isaanii jedhe; Rabbi gayee isaaniiti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help