1 cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef; kutaa xorosho'oo fuudhee waan unataniin tuqee Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyotitti kenne.
2713:2; Luq. 22:3 Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.
28Haa ta'uu ammo worra taa'an keessaa maaf akka kana jedhe eennullee hin hubanne.
2912:6 Yihuudaan waan korojoo qabatuuf Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookaan akka hiyyeeyyi'iif kennaa kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.
3018:3 Inni kutaa san haga fudhateen maayii yoosuu baye; hennaan sun halkan ture.
Ajaja Haarawa31 12:23 Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera.
3217:1-5 Yoo Rabbi sababaa isaatiif kabajjame, Rabbillee akkasuma isa kabajja. Yoma san kabajjaanille'e.
337:33-34; 8:21 Ijoollee tiyya! amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee akkuma Yihuudotatti hime isinittillee hima.
3415:12,13,17; Yoh. 1ffaa 2:8,10; 3:11,14; Yoh. 2ffaa 5 Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.
35Yoh. 1ffaa 2:5; 4:20 Kunillee akka wol jaalattan, darasoota tiyya akka taatan, namoonni maruu kanaan isin beekan.»
Yesuus Akka Pheexroos Isa Ganu Dubbate(Mat. 26:31-35; Mar. 14:27-31; Luq. 22:31-34)36 7:34-35; 21:18-19 Simoon Pheexroos, «Gooftaa'a! Eessa dhaqa'aarta?» jedhee isa gaafate.
Yesuus, «Gara ani deemu amma na faana deemuu hin dandeettu; haa ta'uu ammo maayii na faanaa dhufta» jedhee deebiseef.
37Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen.
38Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadihii na waakkatta» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.