Seera Leewwotaa 19 - Kitaaba Woyyuu

Seera Haqaatii Fi Ka Qulqullumma'aa

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Banii Israa'elii maraanuu, ‹Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a.

4«Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef, gara waaqa tolfama'aa hin gorinaa'a, waaqa tolfamaa worra biraa ka harkaan baffamee tolfamuu, fakii waaqolee tolfama'aa keessan hin godhatinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessa waan ta'eef.

5Yoo ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessitan akka isa itti gammachiiftanitti ciinceessa'aaf.

6Gaafa guyyaa ciincaa dhiyeessitanii fi haga bariisa'aa hin nyaattama; haga guyyaa sadeesso'oo yoo hafe, ibiddaan gubdan.

7Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaattame batti'i, nattillee hin tolu.

8Namni waan kana nyaatellee waan Rabbiif woyyoome waan batteesseef cubbuun isa irra taati; namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu.

9«Hennaa midhaan haamattan, midhaan daangaa irraa mara hin haaminaa'a; soqatoollee daangaa irraa hin guurinaa'a.

10Soqatoo woyinii keessaniillee hin guurinaa'a; sanyii woyinii keetii ka harca'ellee hin guurin; ka hiyyeeyyi'iitii fi ka worra isinitti galee waan ta'eef dhiisi; Ani Rabbi Waaqa keessan.

11«Hin hatinaa'a; hin sobinaa'a; wol hin gowwoomsinaa'a.

12Maqaa kiyyaan sobaan hin kakatinaa'a; maqaa Waaqa keessaniillee hin xureessinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.

13Goshoo kee irratti dhara hin hujin; hin saaminille'e, gatii nama hojjachiiftee haga boruu uf bira hin bulchin; adhuma kaffaliif.

15«Ati hennaa murtii dhuga'aa kennitu amanama'aa fi nama qajeelaa ta'i; nama maraafuu qixatti murteessi malee hiyyeessa jettee isa gargaaru'uuf hin badadin; dureessallee inni dureessa jettee isaa hin dabsin; garuu goshoo keetiif murtii dhuga'aa murteessi.

19«Seera kiyya eegaa'a; fiixaa horii tokkoo fiixaa horii biraatiin wolitti hin horsiisin; qonna qottu keessattillee sanyii gosa lamaa hin facaasin; uffata bifa lamaa irraa hojjatamellee hin uffatin.

20«Eennullee garbittii ufii woliin yoo ciise, yoo isiin abbaa worraa hin qabaannee fi ta gatiin isi'ii hin kaffalamne ta bilisa hin baane yoo taate haa adabamanii; isiin waan bilisa hin baaneef akka hin ajjeefamne.

21Namichi isii bira gaye sun kennaa ciincaa cubbu'uu qabatee Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii dhufa; waan ciincaa cubbuu ufiitiif korbeessa hoola'aa haa fiduu.

22Gadichillee waan cubbuu isaatiif Rabbiin afo'otti hoolaa ciincaa araaraatiif hin dhiyeessa; cubbuun isaallee hin dhiifamaaf.

23«Hennaa gara biyyatti'ii galtanii muka daraaraan isaa nyaattamu mara dhaabattan sanyii san akka waan hin gadoomneetitti laalaa'a; woggaa sadihii akka waan hin gadoomnee waan isinii ta'eef hin nyaattan.

24Sanyiin woggaa arfeesso'oo maruu galata Rabbiitiif haa woyyoomuu.

25Akka sanyiin isinii baay'atu ka woggaa shaneesso'oo nyaadhaa'a. Ani Rabbi Waaqa keessan.

26«Dhiiga woliin womaa hin nyaatinaa'a; asmaallee hin hojjatinaa'a; worra moora laalullee hin ta'inaa'a.

29«Biyyi tee akka biyya seebartootaa hin taane ijoollee tee ta intalaa dabarsitee worra ormaa ka seebarutti hin kennin.

31«Gara mana worra hafuura hammeeyyii waamuutii fi mana mortu'uu hin dhaqin; akka isaaniin hin battoofne hin soqina'aanii; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.

32Jaarsota umuri'iin nama guddaa ta'an yoo argite, hulee teettee ka'iitii isaan kabajji; Waaqa kee sodaadhu; Ani Rabbi Waaqa keetii.

33«Orma biyya tee keessa jiru maraa irratti dhara hin hujin.

34Isinillee biyya Misirii keessatti galaa waan turtaniif; galaa biyya teessan keessa jiru akka nama keessaniititti laalaa'a; isallee akkuma uf jaalattutti jaaladhu; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.

35Safartu'uun, bikkitu'uu fi madaalaan hin dabsin.

36«Safartuu, bikkitu'uu fi madaala qajeelaa ta'e qabaadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase.Kes. Deb. 25:13-16; Mam. 20:10; Izra 4:10

37Seera kiyyaa fi ajaja kiyya maraa eega'aatii waan mishaa hojjadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help