1Raattichi tokko ajaja Rabbiitiin Yihuuda'aa ka'ee gara Beeteelii dhufe; hennaa san Iyyoorbi'aam hulee ciinca'aa bira dhaabatee hixaana aarsa'aa ture.
2Raattichi hulee ciinca'aa san mormu'uun «Hulee ciinca'aa! Hulee ciinca'aa! Rabbi akkana jedha «Namni Iyyoosiyaas jedhamu maatii Daawitii keessatti dhalata, gadoota gaara hulee ciinca'aatii hixaana si irratti aarsan, lafee namootaallee si irratti guba› » jedhee maqaa Rabbiitiin iyye.Mot. 2ffaa 23:15-16
3Malkanni Rabbi guyyaa san kenne kana; huleen ciinca'aa baqaqee, daaraan isa irra jirullee hin jiga jedhee malkata kenne.
4Mootichi waan namni Rabbii hulee ciinca'aa bira dhaabatee dubbate haga dhagaye, harka ufii hulee ciinca'aatii ol qabee nama hulee ciinca'aatii iyyu san qabaa'a jedhe; harki isaa ka inni gara raatticha dubbata'aaruu hiixate waan gogee hafeef harka san ufitti deebisuu dadhabe.
5Akkuma namni Rabbii dubbii Rabbii malkataan hime, huleen ciinca'aa baqaqee, daaraanillee achi irraa jige.
6Mootichi nama Rabbiitiin, «Akka harki kiyya ka goge naa fayyu Rabbii Waaqa kee naa kadhu» jedheen; namni Rabbii sun Rabbiin kadhannaan harki mootichaa fayyee akkuma duraanii ta'eef.
7Achiin maayessa mootichi nama Rabbii saniin, «Ana woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu, anillee waan ati barbaaddu sii kennaa» jedheen.
8Namni Rabbii sunillee mootichaan, «Yoo qabeenna kee ka qooddee naa kennituullee ani gara mana keetii hin dhaqu, midhaan hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu.
9Rabbi naan, buddeena hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in jedhee na ajaje» jedheen.
10Kanaafuu namni Rabbii sun karaa dhufeen ka Beeteelii dhiisee karaa biraatiin deeme.
Jaarsa Raagaa Ka Biyya Beeteelii11Hennaa san jaarsi raagu tokko Beeteeliin keessa jiraata ture; ijoolleen isaa ta dhiiraa isatti dhaqanii, waan namni Rabbii guyyaa san Beeteelitti godhe maraa fi waan dubbii inni mootichatti dubbate maraa abbaa ufiititti himan.
12Abbaan isaaniillee «Inni karaa kamiin lixe ree?» isaaniin jedhe; ijoolleenillee karaa namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe deemeen itti akeekan.
13Kanaan maayessa inni ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» isaaniin jedhe; isaan harree kooraniifii yaabbatee deemee,
14isa hordofee uduu inni muka qilxu'uu jala taa'u isa argee, «Namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate; innillee, «Ee ana» jedhee isaa deebise.
15Innillee, «Na woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu» jedheen.
16Innillee, «Ani si woliin deemee waa hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu;
17Rabbi achitti waa hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in» jedhee na ajajeera jedhe.
18Innillee, «Anillee raaguma akka keetiiti, maleekkaan Rabbii inni mana kee dhaqee si woliin haa waa nyaatee dhuguu jedhee natti dubbateera» jedhee soba itti hime.
19Innillee isa woliin gara mana isaa dhaqee isa woliin waa nyaatee, bisaanillee dhuge.
20Uduu isaan waa nyaata'aaran dubbiin Rabbii gara raatticha jaarsaa dhufee,
21Inni nama Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe saniin Rabbi akkana siin jedha, «Ati waan Rabbi siin jedhe waan diddeef ajaja Rabbi Waandhi kee si ajaje waan eeguu dhabdeef,
22hulee waa itti hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin siin jedhetti waan nyaattee dhuddeef, reeffi kee hulee abboonni tee itti awwaalamanitti hin awwaalamu» jedhee dubbate.
23Haga namichi raagu sun waa nyaatee dhugeen maayessa harree kooreef.
24Innillee haga ka'ee deeme, leenci kara'atti isatti bayee ajjeeseen, leencinii fi harreen inni yaabbate sun reeffa bira dhaabatan.
25Namoonni karaa san irra lufan leenca reeffa bira dhaabatu arganii dhaqanii qachaa jaarsi raagu keessa jiraata'aa turetti odeessan.
26Raattichi namicha raagaa ka inni kara'aa deebise sun akka du'e haga dhagaye, inni raatticha Rabbii ka dubbii Rabbii dhagawuu dide san kanaaf Rabbi akkuma dubbate, leencaaf dabarsee isa kennee leencillee caccabsee isa ajjeese» jedhe.
27Kanaan maayessa ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» jedhe; isaanillee harree kooraniifii,
28deemee reeffa namichaa ka kara'atti kufeeru, harre'ee fi leenca reeffa bira dhaabatu arge; leenci garuu reeffaa fi harreellee hin nyaanne.
29Raattichi reeffa nama Rabbii fuudhee harree irratti fe'ee gara qacha'aa gara qe'ee ufii fidee booyee,
30Awwaala worra ufii biratti awwaale.
31Haga reeffa awwaaleen maayessa ijoollee ufiitiin, «Ani yoo du'e, awwaala nama Rabbii kana biratti na awwaalaa'a, lafee kiyya lafee isaa bira kaayaa'a.
32Wonti raattichi Rabbii kun armaan dura hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessatti argamu qachoota Samaariya'aa didiqqaa keessatti argamuu fi tulloota irratti sagadan irratti akka Rabbi isa ajajeen dubbate dhugamaan hin raawwatama.» jedhe.
Cubbuu Hamaa Iyyoorbi'aamii Ka Balaa Fide33Haga wonti kun maruu ta'ellee Iyyoorbi'aam waan hamaa hojjatu irraa hin deebine; worra Leewwotaa ka hulee ciinca'aatitti tajaajilaniin alatti nama gadaa ta'ee tajaajiluu barbaadu maraa fila'aa ture.
34Cubbuun inni hojjate kun sababaa badu'uu fi diiggamuu mootummaa isaa ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.