Raajii Isaayyaasii 48 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Uuma'aa Fi Fayyisa'a

1Isin ijoolleen Yaaqoobii!

worri gosa Yihuuda'aa ka maqaa Israa'eliitiin waamamtan

kana dhagayaa'a.

Isin Waaqa Israa'elii dhuga'aa fi amanamummaa malee

waaqeffanna jettan;

maqaa Rabbiitiinillee hin kakattan.

2Isin «nu worra qachaa woyyittii keessa jiraatu;

Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'elii hedanna» jettanii dhaadattan.

3Rabbi akkana jedha,

«Waan durana ta'u'uuf ta'u duruma dubbadhe;

waan sanillee akka dafee raawwatamu taasise.

4Isin akka sibiila diimaa hin mammaramneetii fi

akka sibiila jaba'aatitti akka morkattan

ani hin beeka.

5Waan waan kanniinii duruma isinitti hime;

uduma hin raawwatamneen dura isinitti himeera;

wonti kana godheef waaqolee tolfamaa keennatu waan kana godhe;

fakii mukaatii fi ka sibiilaa keennatu waan kana murteesse akka hin jenneef.

6«Waan ani dubbadhe dhageettaniirtan;

kun akka raawwatame argitaniirtan;

hubadha'aatii akka dhugaa ta'an qulqulleeffadhaa'a;

waan haarawa duraan hin beenne ka isin jalaa dhokateeru

uf afoo isinitti hima.

7Wonti ani isinitti himu kun waan durii uduu hin taane waan amma uumaman;

isin, ‹duruma isaan beenna› akka hin jenne

isin armaan dura waan isaanii womaa hin dhageenne.

8Isin waan ani jedhu hin dhageettan; beekuullee hin barbaaddan;

duruma irraa jalqabee gurri keessan duudeera;

wonti kun ta'eef akka isin guddiftanii gantoota taatanii fi

urga dhalattan irraa jalqabdanii hammeeyyii jedhamtanii akka waamamtan ani hin beeka.

9«Ani ulfinna maqaa kiyyaatiif hin obsa;

akka namoonni na galatoonfatan akka aaree isin hin balleessine uf dhoogga.

10Ani akka meetii sibiilaatitti ibidda keessatti

isin bassee isin laaleera,

11Ani ufiif jedhee kana godha;

maqaan kiyya akka hin arraffamneef

ulfinna kiyya eennuullee hin kennu.»

Hojjataa Rabbi Fooyate

12Rabbi akkana jedha,

«Isin worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ka ani fooyadhe na dhagayaa'a!

Waandhi ana calla'a; jalqabninii fi dhumti waan maraatuu ana.

13Ani ardii uume;

samiiwwan hin badhise;

hennaa ani isaan waamu tokkumma'aan hulee ufii dhaabatan.

14Isin maruu kootta'aa na dhagayaa'a!

waaqolee tolfamaa keessaa ka dura waan waan kanniinii dubbate kam?

ka Rabbi fooyate Baabilooniin irratti kaayoo ufii raawwata;

worra Baabiloonii hunnaan bulcha.

15Natu dubbate; natu waame;

natu fidaan; wonti inni hojjatullee hin qajeelaaf.

16Natti dhiyaadha'aa waan kana dhagayaa'a;

Ani jalqabuma irraayyuu dhossa'aan hin dubbanne;

hennaa wonti kun ta'e irraa jalqabee ani achuma ture»

amma Rabbi Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiran.

17Rabbi Waandhi woyyichi Israa'elii ka isin fayyisu;

Rabbi Waandhi akkana jedha,

«waan si fayyadu maraa ka si barsiisuu fi

ka karaa ati deemtu sitti mudhisu

Rabbi Waandhi kee ana.

18«Uduu ajaja kiyya seeraan dhageettanii jiraattanii,

Eebbi keessan akka laga bisaan hin gonnee,

balchummaan keessanillee silaa akkuma dambalii galaanaa guddatee isinii dhufa!

19Baniin keessanillee silaa hin badu;

maqaan keessanillee silaa hin irraanfatamu!»

20Eeganaa isin Baabilooniin keessaa baya'aa dheessaa'a;

Dubbii «Rabbi tajaajilaa ufii Israa'eliin oolcheera»

jedhu gammachu'uun himaa'a;

hulee gara garaatitti akka beekkamu godhaa'a.

21Hennaa Rabbi lafa gammoojji'ii keessa isaan masakku isaan hin dheebonne;

caala'atti akka dhagaa keessaa bisaan isaanii burqu taasise;

dhagaa dhodhoosee bisaan isaanii baase.

22Garuu Rabbi, «Hammeeyyiin nagaya hin qaban» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help