Raajii Isaayyaasii 61 - Kitaaba Woyyuu

Oduu Gammachu'uu Ka Waan Fayyumma'aa Himu

1Hafuurri Rabbii Goofta'aa na irra jira;

akka worra miidhamanitti oduu gammachu'uu himu,

akka worra onneen isaanii cabe fayyisu

worra booji'aman akka bilisa baasu,

worri hidhaman akka hiikkaman

akka labsuuf Rabbi muudee na erge.

2Bara araaraa ka Rabbiitii fi

guyyaa Waandhi haluu bayu akka labsu,

worra boowu maraa akka jajjabeessu.

3Namoota Tsiyooniin keessaa booyanii

bikka daara'aa korbobboo abaabo'oo

bikka imimmaan isaanii dhadhaa ejersaa,

bikka gaddaa dhadhaa gammachu'uu

bikka keessi isaanii gadde uffata ulfinnaa ka galataa

akka kennuuf na erge;

isaan ulfinna isaa akka mudhisan

«Qilxuuwwan balchumma'aa ka Rabbi dhaabe»

jedhamanii waamaman.

4Isaan waan armaan dura diiggame hin ijaaran;

waan dura badellee deebisanii midhaassan;

qachoota dhaloota maraa keessatti diiggaman

hin haarawoomsan.

5Baniin biyya ormaa horii keessan bobbaasan;

lafa keessan isinii qotan;

dhaaba woyinii keessaniillee isinii kunuunsan.

6Isin garuu «Gadoota Rabbiitii fi

tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhamtanii waamamtan;

qabeenna bani'iitiin gammaddan;

durummaa isaaniitiinillee hin kabajjamtan.

7Waan guddisanii mullaniif,

salphinni hiree isaanii akka ta'e waan labsameef

wonti isaanii dachaa ta'a;

baraa haga bara baraa gammachuu argatan.

8Ani Rabbi haqa jaaladha;

saamichaa fi hujii hammeennaallee hin jibba;

gatii isaan barbaachisu isaanii kenna;

isaan woliin waadaa bara baraa gala.

9Ijoolleen isaanii fira ufii biratti,

ijoolleen ijoollee isaaniillee banii keessaa

worra beekkaman ta'an;

worri isaan argu maruu fiixaa ani Rabbi isaan eebbise akka ta'an beekan.

10Ani Rabbiin gammada;

keessi kiyya Waaqa kiyyaan usheexxa;

inni akka idaayyaa abaaboo ulfinnaa mataa irra kaayatuu

akka idaayyittii faaya gara garaatiin qandhaftee

uffata fayyumma'aa natti uwwiseera;

uffata balchumma'aa irraan naa dhaye

11Akkuma lafti waa biqilchitu,

akkuma huleen biqiltuu itti dhaaban biqiltuu guddiftu

Rabbi Gooftaan keessan akka balchummaanii fi

galanni burqu taasisa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help