1Yesuus uduu mana woyyu'uu bayee deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan.
2Luq. 19:44 Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhagaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe.
Rakkinnaa Fi Ari'atamuu Dhufa Goofta'aatiin Dura Ta'u(Mar. 13:3-13; Luq. 21:7-19)3 24:27; 27:39; 13:39; 28:20; Hu. Er. 1:6-8 Yesuus uduu gaara ejersaa irra taa'ee jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.
4 Tas. 2ffaa 2:3 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a!
524:11; Yoh. 5:43; Yoh. 1ffaa 2:18 Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduu hin dogoggorsan.
6Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; kun ta'uun isaa giddi'i; haa ta'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.
7Sen. 2ffaa 15:6; Isa. 19:2 Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; beellinii fi sochiin lafaa hulee adda addaatitti hin ta'a.
8Kun maruu ammo ciniinsuu duraati.
9 10:17,22; Yoh. 16:2 «Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan; sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.
10Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an; isaan dabarsanii wol kennan; Wolillee hin jibban.
117:15; Phex. 2ffaa 2:1; Yoh. 1ffaa 4:1 Raattonni sobaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.
12Tas. 2ffaa 2:10; Xim. 2ffaa 3:1-5 Sababaa baay'inna hammeennaatiin jaalalti namoota hedduu hin qabbanoofti.
13Ka haga dhumaa dhaabate ammo hin fayya.
1428:19 Gosa maraaf ragaa akka ta'u Dubbiin Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.
Farra Badi'ii(Mar. 13:14-23; Luq. 21:20-24)15 Dan. 9:27; 11:31; 12:11 Yesuus ammallee, «Akkuma raattichi Daani'eel dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu!
16Hennaa san worri biyya Yihuuda'aa keessa jiru gara gaarranii haa baqatuu.
17Luq. 17:31 Ka gamoo manaa irra jiru waan mana keessaa fudhachu'uuf gad hin bu'in.
18Namni maasaa keessa jiru uffata fudhachu'uuf gara manaa hin deebi'in.
19Luq. 23:29 Guyyaa san dubartoota ulfaatii fi ta harma hoosiftu aanne'e!
20Haa ta'uu ammo bandhi keessan gannaan yookaan guyyaa Sambataa akka hin taane Rabbiin kadhadhaa'a.
21Dan. 12:1; Mudh. Yoh. 7:14 Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa; rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku; sirimaa deebi'eellee hin ta'u.
22Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammo guyyoonni sun hin gabaabbatan.
23Hennaa san, «Eennullee ‹Kunoo! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Inni achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.
24Kes. Deb. 13:1-3; Tas. 2ffaa 2:9-10; Mudh. Yoh. 13:13-14 Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota sobaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.
25Kunoo ani duraan dursee kana isinitti himeera.
26Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gad hin bayinaa'a. Yookaan, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a.
27Luq. 17:23-24 Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga dhiya biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
28Iyyo. 39:30; Luq. 17:37 Hulee randhi jirutti rumichi wol gayan» jedhe.
Deebi'ee Dhufuu Kiristoosii(Mar. 13:24-27; Luq. 21:25-28)29 Isa. 13:10; 34:4; His. 32:7; Iyyu. 2:10,31; 3:15; Mudh. Yoh. 6:12,13 Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjiiwwan samii gubba'aa hin harca'an; hundeen sami'iillee hin raafama.
3026:64; Dan. 7:13; Mudh. Yoh. 1:7 Achiin maayessa malkanni Ilma Namaa samii gubba'atti hin mudhata; hennaa san gofti biyya lafaa maruu banne! banne! jedhan. Ilmi Namaa duumessa sami'iitiin, hunnaa fi ulfinna gudda'aan yoo dhufu hin argan.
3113:41; Isa. 27:13; Zakk. 2:6; Qor. 1ffaa 15:52; Tas. 1ffaa 4:16; Mudh. Yoh. 8:2 Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»
Barumsa Waan Muka Hurbu'uu(Mar. 13:28-31; Luq. 21:29-33)32Yesuus ammallee, «Muka hurbu'uu irraa baradhaa'a! Hennaa damee baaftee baalli isi'ii late bonni akka dhiyaate hin beettan.
33Maarre akkasuma hennaa waan kana maraa argitan, akka Ilmi Namaa balbalatti dhiyaate beekaa'a!
34Ani dhugamaan isiniin jedha, haga wonti kun maruu ta'utti dhaloonni kun hin badu.
355:18; Luq. 16:17 Ardi'ii fi samiin hin baddi; dubbiin kiyya ammo hin badu.»
Guyyaa Sanii Fi Hennaa San Eennulle Hin Beeku(Mar. 13:32-37; Luq. 17:26-30,34-36)36 Hu. Er. 1:7; Tas. 1ffaa 5:1-2 Waan guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa calla'atu beeka malee eennullee hin beeku; maleekkonni sami'iitii fi Ilmillee akkasuma eennullee hin beeku.
37Ser. Uma. 6:5-13 Akkuma bara Noohiititti ta'e, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
38Bara san bisaan badi'iitiin dura haga Noohi markaba seenutti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa, heeruma'aa turan;
39Ser. Uma. 7:6-24; Phex. 2ffaa 3:6 haga bisaan badi'ii dhufee isaan maraa haree deemutti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
40Hennaa san namoonni lamaa maasaa keessatti hujan; tokkochi ol fudhatama, tokkochi hin hafa.
41Dubartoonni lamaan uduu midhaan daakan takka ol fudhatamti, takka hin hafti.
4225:13 Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a.
43Luq. 12:39-40; Tas. 1ffaa 5:2; Phex. 2ffaa 3:10; Mudh. Yoh. 3:3 «Waan kana hubadhaa'a; abbaan manaa halkan keessa sa'aatii kamitti hattuun akka dhuftu uduu beekee, manni isa jalaa haa qotamu'uuf hin dhiisu.
44Mudh. Yoh. 16:15 Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.»
Hojjataa Amanama'aa Fi Hin Amanamne(Luq. 12:41-48)45Yesuus ammallee, «Eeganaa hojjataan amanamaanii fi qaroon, ka gooftaan isaa akka inni hojjattoota isaatiif nyaata henna'aan kennuuf, mana ufii irratti muude eennu?
46Hojjataan gooftaan isaa hennaa deebi'u uduu hojjatu arguun sun ka eebbifame.
47Ani dhugamaan isinitti hima gooftaan isaa qabeenna ufii maraa irratti isa muuda.
48Phex. 2ffaa 3:4 Hojjataan hamaan sun ammo yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan hin tura› jedhee yoo
49Hojjattoota tuma'aa, worra machaayu woliin nyaachu'uu fi dhuguu jalqabe,
50gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti hin dhufa.
518:12 Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa; hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa; achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.