1Achiin maayessa namni sun gara seensa mana woyyu'uu na fide; achitti bisaan mana woyyuu hulee irra dhaabatan jala yaa'a; kunillee waan balballi mana woyyu'uu gara baya biiftu'uu naannayeef; bisaan gara cinaa kibba mana woyyu'uutiin kolba hulee ciinca'aa ka irra dhaabataniitiin gara kibbaa yaa'a.Daangaawwan Biyyatti'ii
13Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Daangaan lafaa ka gosa Israa'elii kudha lammanii qooddu kana; gofti Yooseefii gayee lama qabaata.
14Ani abboota teessan ta duriitii lafa tana isaanii kennu'uuf kaku'uun waadaa isaanii gale; ammallee isin maruu wol qixa qoodamaa'a; lafti tun gayee teessan taati.
15Daangaan lafaa kolba galaana Meeditiraaniyaanii gara kaabaatii ka'ee gara Heetiloonii, gara kolba Haamaatii hulee ittiin wol bira lufanii, gara Tseedaadii,
16Gara qachoota Tseebiraayimiitii fi Beerootaa ka Damaasqo'oo fi Haamaatiin jidduu jiranii, gara daangaa Hawuraanitti argamtuu qachaa Tiikooniitiin gara baya biiftu'uu lufa.
17Akkaataa kanaan daangaan lafaa galaana Meeditiraaniyaaniitii ka'ee haga Hatsar'enoonii daangaa Damaasqo'ootii fi Hamaatii lufee haga hulee gara kaabaa gaya.
18Daangaan baya biiftu'uu daangaa biyya Damaasqo'ootii fi Hawuraanii jidduu lufee kolba galaana Meeditiraaniyaaniitiin Gili'aadii fi biyya Israa'elii keessa lufee galaana du'aatii fi Taamaariin gaya; kun daangaa gara baya biiftu'uuti.
19Daangaan gara kibbaa Taamaarii ka'ee haga Qaadeesii Mariba'aati, achiillee ka'ee dhooqa biyya Misiriitii haga galaana Meeditiraaniyaanii gaya; kun daangaa gara kibbaati.
20Daangaan gara dhiya adu'uu daangaa galaana Meeditiraaniyaani'iitii ka'ee haga seensa Haamaatii gaya; kun daangaa dhiya adu'uuti.
21Lafa tana gosa Israa'eliititu qoodame.
22Ristii baraa haga bara baraa isinii haa taatu; worri ormaa ka isin keessatti ijoollee horanii jiraatan hennaa isin lafa qoodamtan isaanillee gayee ufii haa argatanii; akkuma nama Israa'elii tokkootitti laallamanii gosa Israa'elii ka lafa qoodamu woliin hixaa isaanii buusuu barbaachisa.
23Namni Israa'eliin keessa jiraatu ka biyya alaa maruu worra banii Israa'elii ka woliin jiraatan woliin gayee ufii haa argatuu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera» jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.