Seera Laakkobsaa 20 - Kitaaba Woyyuu

Gooftaan Banii Ufiitiif Dhagaa Keessaa Bisaan Burqisiise(Ser. Ba'u. 17:1-7)

1Baniin ijoollee Israa'elii maruu ji'a jalqabaa gara biyya gammoojjii Siinii dhufanii Qaadeesiin keessa taa'an; Maariyaamillee achitti duutee achummatti awwalaniin.

2Baniin waan bisaan dhabeef Muusee fi Arooniin biratti wol gayanii,

3akkana jedha'aa isaanitti guguunguman «Uduu hennaa obboleewwan teenna Rabbiin afo'otti dhuman san maal nullee uduu yoo san duunee jedhan.

4Nu'uu fi horiin keennallee akka dhumnuuf banii Rabbii kana gara biyya gammoojji'ii kana maaf nu fiddan?

5Hulee hamaa kana nu fidu'uuf maaf biyya Misiriitii nu baaftan? biyyi kun midhaan, balasii, muka woyini'iitii fi roomaanii hin qabnee fi bisaan dhuganillee hin qabuu» jedhan.

6Muuse'ee fi Aaroon gara balbala daasee wol gayi'ii dhaqanii kallachaan gad kufanii ulfinni Rabbiillee isaanitti mudhate.

7Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

8«Ulee tee fudhadhuu atii fi obboleessi kee Aaroon banii wolitti qabaa'a; dhagaan akka bisaan baasu uduu isaan laalan itti dubbadhaa'a; ati dhagaa keessaa bisaan baaftee isaanii fi horii isaaniillee obbaafta»

9Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje ulee daasee keessaa fudhate.

10Muuse'ee fi Aaroon dhagaa biratti banii wolitti qabanii «Isin worra nama dhibu dhagayaa'a! nu dhugamaan dhagaa kana keessaa bisaan isinii baafnaa?» isiniin jedhan.

11Kanaan maayessa Muuseen harka ol fudhatee hennaa lama ule'een dhagaa dhayee bisaan baay'een bayee baniin fi horiin isaaniillee dhugan;

12Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Isin banii Israa'elii jiddu'utti waan natti amantanii ana hin woyyoomsineef banii kana qabattanii gara biyya ani isinii kennee hin galtan» isaaniin jedhe.

13Kun hulee ijoolleen Israa'elii Rabbiin itti wol lolanii fi hulee Rabbi woyyummaa ufii itti mudhise ka bisaan mariiba'aati.

Worra Israa'elii Karaa Edomiyaasiitiin Akka Hin Lufne Dhooggan

14Muuseen biyya Qaadeesiitii gara mootii Edomiyaasii dhaamsa ergee, «Obboleessi kee Israa'el akkana siin jedha; rakkoo nu irra gaye atuu hin beetta;

15abboonni teenna gara biyya Misirii gad bu'anii biyya Misirii keessa woggaa dheeraa jiraanne; worri biyya Misirii nu'uu fi abboota teennallee hin yakkan.

16Hennaa nu gara Rabbii iyyine innillee rakkinna keenna dhagayee Maleekkaa ergee biyya Misiriitii nu baasee kunoo amma gara daangaa qachaa Qaadeesiin jirtuu dhufnee teenneerra.

17Yabo'ootii biyya tee keessaa gara maasaa midhaaniitii fi gara maasaa woyini'iillee hin gorru; bisaan boollaallee hin dhunnu; karama mootiin baase irra deemna; haga daangaa kee irra lufnuuf bita'aa mirgallee hin jennu» jedhan.

18Edomiyaasillee, «Biyya keenna keessa akka luftan isin hin hoffolchinu; yoo lufu'uuf yaaltan ammo baanee guraade'een isiniin lolla» jedhan.

19Ijoolleen Israa'elii «Karaa irra hin deemna; anii fi horiin kiyyallee bisaan kee yoo dhunne gatii hin kaffalla waan biraa womaa hin goonu; lukuma calla'aan keessa lufna» jedhaniin; inni ammo «Hin luftan» jedhe.

20Edomiyaas banii hedduu fi irree jaba'aan bayee,

21akka baniin Israa'elii daanga'aan hin lufne dhoogginaan baniin Israa'elii irraa dacha'ee karaa biraatiin deeman.

Du'uu Aaroonii

22Ijoolleen Israa'elii biyya Qaadeesiitii ka'anii gara gaara hoorii dhaqan.

23Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin gara daangaa lafa Edomiyaasiititti akkana jedhee isaanitti dubbate,

24«Aaroon gara worra ufii haa deebi'uu; ijoolleen Israa'elii bisaan mariiba'aa biratti jecha kiyya waan didaniif gara biyya ani isaanii kennee hin galan.

25Aaroonii fi ilma isaa Alaazariin qabiitii gara gaara hoorii isaan fidi.

26Aarooniin irraa uffata mulqii ilma isaa Alaazaritti uwwis; Aaroon achumatti du'ee worra ufii ka du'etti haa eda'amuu»

27Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu uduma laalan gara gaaraa bayan.

28Muuseen uffata Aarooniin irraa mulqee ilma Aaroonii Alaazaritti uwwise; Aaroon gaaruma san irratti du'e; Muuse'ee fi Alaazar ammo gaara irraa bu'an.Ser. Ba'u. 29:29; Ser. Lak. 33:38; Kes. Deb. 10:6

29Baniin maruu akka Aaroon du'e haga argan, ijoolleen Israa'elii maruu Aaroonii guyyaa soddoma booyan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help