Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Worra Israa'elii Dhibaa Ka Gara Kaabaatiin Jiraatan(Sen. 2ffaa 10:1-19)

1Worri Israa'elii Roobi'aamiin mootii taasisuu waan barbaadaniif innillee ka'ee gara Seekeemii worri Israa'elii jiranii dhaqe.

2Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam ka mootii Solomooniin jalaa baqatee biyya Misirii keessa taa'a'aa ture haga waan kana dhagaye deebi'ee gara Israa'elii dhufe.

3Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu Roobi'aamiin bira dhaqanii,

4«Abbee fe'aa guddaa nutti fe'ee nu rakkisa'aa ture, ati garuu fe'aa guddaa abbee nutti fe'e kana nuu salphisi; nullee si jalatti bullaa» jedhaniin.

5Inni, «Deema'aa gala'aatii guyyaa sadihiin maayessa deebi'aa'a» isaaniin jedhe; baniinillee ka'ee isa biraa deeme.

6Achiin maayessa mootichi Roobi'aam jaarsota hennaa Solomoon jiru gorsa'aa turan wolitti qabee «Ani banii kanaa maal deebisa?» jedhee isaan gaafate.

7Jaarsonni, «Ati adha yoo banii kanaa ajajamtee fayyaalumma'aan isaan tajaajiltee gaafii isaaniitiif deebii mishaa kennite isaan hennaa maraa amanamumma'aan sii hojjatan» jedhaniin.

8Inni garuu waan jaarsonni isa gorsite dhiisee ijoollee daraboo ufii wolitti qabee,

9«Banii fe'aa abbaan kee nutti fe'e kana nuu salphisi naan jedhe kanaa maal jedhee deebisa? maal na gorsitan?» jedhee isaan gaafate.

10Ijoolleen daraboo isaa garuu «Banii abbaan kee fe'aa guddaa nutti fe'eeraa ati garuu fe'aa kana nuu salphisi› worra siin jedhuun qubni tiyya diqqoon mudhii abbaa kiyyaa caalaa furdo'o.

11Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'e; ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti fe'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhii isaanii deebisi jedhaniin.

12Guyyaa sadihiin maayessa Iyyoorbi'aamii fi baniin maruu haaganaa Roorbi'aam qabeefitti deebi'anii gara isaa dhufan.

13Mootichi waan jaarsonni isa gorsan dhiisee banii tuffata'aa dubbachuu jalqabe.

14Akkuma daraboon isaa isa gorsite «Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'ee ture, ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti eda'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume, ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhee isaanii deebise.

15Kun maruu wonti ta'eef akka wonti Rabbi karaa raatticha Akiyaa Seelo'oo dhufeetiin Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxiitiin ka Rabbi dubbate akka raawwatamuuf; sababaan mootichi Iyyoorbi'aam yaada bani'ii uduu hin fudhanne dideef, waan Rabbi jijjiirama fidu'uuf murteesseef.

16Worri Israa'elii maruu akka mootichi isaan hin dhageenne haga argan mootichaan «Nu'u Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii biraa lafa maal qabna? banii Israa'elii gara daaseewwan keessanii deebi'aa galaa'a; Daawiti ati mana kee eegi» jedhanii deebisaniif; achiin maayessa baniin Israa'elii gara daaseewwan ufii deebi'ee gale.

17Roobi'aam garuu worra Israa'elii ka bulchiinsa Yihuuda'aa jala jiraatan callaa irratti mooye.

18Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii gibira guuru gara worra Israa'elii erginaan worri Israa'elii maruu dhaga'aan tumanii ajjeesan; mootichi Roobi'aamillee daddafee gaarii fardaa yaabbatee gara Yerusaalemii dheesse.

19Hennaa sanii jalqabee worri Israa'elii ka gara kaabaatiin jiru mootummaa Daawitii irratti ka'e.

20Worri Israa'elii maruu akka Iyyoorbi'aam biyya Misiriitii deebi'e haga dhagayan nama itti erganii gara gumii ufii waamanii worra Israa'elii maraa irratti moosisan; worri mootummaa Daawitiitiif amanamaa ta'e gosa Yihuuda'aa calla'a.

Raaga Shaama'aan raage(Sen. 2ffaa 11:1-4)

21Roobi'aam gara Yerusaalemii dhaqee akka ijoollee Israa'eliitiin lolanii mootummaa isaanii gara ilma Solomoonii Roobi'aamitti deebisaniif gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa loltoota filataman namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa wolitti qabe.

22Jechi Rabbii gara Shaama'aa raattichaa dhufee

23gara mootii Yihuuda'aa, Roobi'aamii ilma Solomooniitii fi worra gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamiititti dhiyaatu marattuu banii dhufe marattuu

24Rabbi, «Wonti kun ana irraa waan ta'eef hin bayinaa'a; obboleewwan teessan ta Israa'eliitiinillee hin lolinaa'a; namni maruu gara mana ufii haa deebi'uu jedhu gara isaa dhufe; isaanillee jecha Rabbii dhagayanii gara mana ufii deebi'an.

Iyyoorbi'aam Rabbiin Irraa Fagaate

25Iyyoorbi'aam biyya gaaraa ka Efreemii keessatti qachaa Seekeemii kushee godhatee achi jiraate; achii ka'ee qachaa Phini'eelii kushee itti dhokatu godhee ijaare.

26Iyyoorbi'aam onnee ufii keessatti amma mootummaan gara mana Daawitii deebi'a.

27Baniin kun ciincaa dhiyeessu'uuf gara Yerusaalemii yoo dhaqe baniin kun gara gooftaa ufii gara Roobi'aamii mootii Yihuuda'aa deebi'ee; na ajjeesan jedhee yaade.

28Mootichi nama mariisisee jabbii lama worqii irraa hojjachiisee «Isin banii Israa'elii akka armaan dura gootan sanitti sagadu'uuf haga Yerusaalemii deemuun isin gaya; waandhi tolfamaan biyya Misiriitii isin baase kanniin!» isaaniin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help