1«Seerri ati dura afoo isaaniititti gootu kana;
2garbicha Ibrootaa yoo bitte, inni woggaa jahaa sii haa hojjatuu; woggaa torbeesso'ootitti gatii tokko malee akkanumaan bilisa isa baafta;
3Yoo hojja ufii dhufee jiraate hojjuma ufii haa bawuu; yoo haadha manaa ufii woliin dhufee jiraate haati manaallee isuma woliin haa baatuu.
4Yoo gooftaan isaa haadha manaa itti fuudhee jiraate, isiin yoo ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa deetteef, haati manaa isaatii fi ijoolleen isaa gooftaa isaatiif haa hafanii; inni ammo hojjuma ufii bilisa haa bawuu.
5Yoo garbichi sun haadha manaa tiyyaa fi ijoollee tiyya hin jaaladha, ani bilisa hin bawu jedhe, gooftaan isaa sun gara worra murteessanii fidee,
6gara qasatoo balbalaa fidee muta'aan gurra isaa haa woraanuu; baraa haga bara baraa garbicha isaa haa ta'uu.
7«Namni yoo intala ufii garbumma'aaf kenne, akka garboota kaawwanii isiin bilisa hin bayin;
8gooftaan isii bitate sun yoo isiin isa gammachiisuu baatte, baniin isii haa furuu malee inni isii nama biraatitti hin gurgurin;
9Yoo isii mucaa ufiititti fuudhuu barbaade, seera ijoollee intalaatiif ta'u maraa haa godhuufii.
10Mucaa ufiititti yoo intala biraa fuudhuu barbaade akkuma haadha manaa ta isaa ta duraatitti isi'iifillee nyaata, uffata, waan isiin irra bultu maraa isii jalaa hin hanqisin.
11Waan sadiin kanniin yoo godhu'uufii baate, horii malee akkanumaan isa biraa haa baatuu.
Seera Worri Yakkan Ittiin Adabaman12Namni yoo nama dhayee namni harkatti du'e, innillee haa ajjeefamuu.
17Ka abbaa yookaan haadha ufii arrabsu sirima haa du'uu.
18Namoonni lamaa wol lolanii tokko dhaga'aan yookaan tontoommo'oon madeessee garuu yoo du'uu baatee dhibamee siree irra yoo ciise;
19achii oli ka'ee bordifatee yoo raasaa baye, ka isa dhaye sun bilisa ta'a; garuu waan hujii isa hiissiseef, gumaata haa kaffaluufii; haga inni fayyuuf isa haa badaduu.
20«Namni tokko garbicha ufii yookaan garbittii ufii ule'een dhayee yoo harkatti duute haa adabamuu.
21Ka dhayame guyyaa tokko yookaan guyyaa lamaa yoo ture, qabeenna isaa waan ta'eef hin adabamu.
22«Namni lamaa yoo wol lole, yoo dubartii ulfaa haga quuqamtutti darbe, garuu yoo miidhamuu baatte waan abbaan worraa isi'ii jedhe maraa haa kennuu; akkuma jaarsonni isatti murteessanitti haa kaffaluu.
23Miidhaan biraa yoo irra gaye, lubbuu lubbu'uun,
24ija ijaan, ilkaan ilkaaniin, harka harkaan, luka lukaan,Ser. Lew. 24:19-20; Kes. Deb. 19:21; Mat. 5:38
25gubaa guba'aan, madaa mada'aan, tumaa tuma'aan haa kaffaluu.
26«Namni ija garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee balleesse waan gatii ija isaaniitiif bilisumma'aan gad haa dhiisuu.
27Namni ilkaan garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee cabse, waan ilkaan isaaniitiif bilisa gad isaan haa dhiisuu.
Gayee Abbootii Qabeennaa28Sangaan intala yookaan dhiira woraanee yoo ajjeese dhaga'aan dhayamee haa du'uu; foon isaallee akka hin nyaattamne, abbaan sangaa sanii bilisa ta'a.
29Sangaan sun yoo ka duraan nama nyaatu akka ta'e ragame abbaan isaa sun eeguu baatee nama dhiiraa yookaan intalaa woraanee yoo ajjeese, sangaan dhaga'aan tumamee haa du'uu; abbaanillee haa du'uu.
30Abbaa sanga'aa san irraa yoo gumaa barbaadan ammo haga itti murtaaye maraa haa kaffaluu.
31Deebi'ee ammallee dhiira yookaan intala yoo woraane seeruma kanaan itti murtaaya.
32Sangaan garbicha yookaan garbittii yoo woraane abbaan sangaa sanii saqilii soddomaa gooftaa isaaniitii haa kaffaluu, sangaanillee dhaga'aan tumamee haa ajjeefamuu.
33Namni tokko boolla duuchame yoo bane, yookaan yoo ufii qotee afaan banaa dhiisee sangaan yookaan harreen itti bade,
34abbaan boolla sanii gatii horii sanii abbaa hori'iitii haa kaffaluu; ka du'e ammo ufii haa fudhatuu.
35Sangaan tokko sangaa nama biraa woraanee yoo ajjeese ka ajjeese sun gurguramee qixa adda haa qoodamanii; ka du'ellee foon isaa qixxe'etti haa qoodamanii.
36Yoo sangaan sun duraanuu akka nama nyaatu ka beekkame ta'e abbaan yoo eeguu baate, bikka sangaa du'ee sangaa biraa haa kaffaluu; ka du'e ammo ufiif haa hambifatuu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.