Seera Uumamaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Seenaa Uumama Adunya'aa

1Rabbi jalqaba Ardi'ii fi Samii uume;

2Ardiin duwwaa turte; womaa isii irra hin turre; dukkanti galaana xiillaa irra ture; Ayyaanni Rabbii bisaan gubbaa socho'aa ture.

3Kanaan maayessa Rabbi, «Ifti haa ta'uu» jedhe; iftillee hin ta'e.

9Kanaan maayessa Rabbi «Akka lafti mudhattu bisaan Sami'ii gad jiru maruu hulee tokkotti wolitti haa qabamuu» jedhe; akkasuma ta'e.

10Rabbi lafaan «Ardii» jedhe; hulee bisaan hulee tokkotti wolitti qabame saniin, «Galaana» jedhee waame; Rabbi kunillee akka mishaa ta'e arge.

11Kanaan maayessa Rabbi, «Ardiin biqiltuu'u, sanyii midhaanii, mukkiin daraaraa daraaranii fi biqiltuuwwan gara garaa bifa bifaan haa biqilchituu» jedhe; akkasuma ta'e.

12Akkaataa kanaan Ardiin biqiltuu'u, sanyii midhaan gara garaatii fi biqiltuuwwan sanyii uf keessaa qaban ka daraaraa gara garaa daraaran biqilchite; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge.

13Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e; kun guyyaa sadeesso'ooti.

14Kanaan maayessa Rabbi, «Guyya'aa fi halkan akka adda bayan ifti gara garaa sami'ii irra haa ta'anii; kunniin malkata guyyoota, barootaa fi woggoota adda baasan haa ta'anii;

15akka Ardii irratti ifni ifu Samii irra taa'anii haa ifanii» jedhe; akkasuma ta'e.

16Akkaataa kanaan Rabbi ifa gugurdaa lamaan uume; ifni guddaan guyyaa; ifni diqqaan halkan akka ifan godhe; akkasuma urjiiwwanillee uume.

17Rabbi akka isaan lafa irratti ifan ifa kanniin Samii irra kaaye.

18Wonti inni waan kana godheef akka halkanii fi guyyaa irratti baallii qabaatanii fi ifaa fi dukkana akka adda baasaniif; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge.

19Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e; kun guyyaa arfeesso'ooti.

20Kanaan maayessa Rabbi, «Bisaan uumamni lubbuu qabu ka sosocho'u ka gara garaa haa guutuu; allaattiiwwanillee Ardi'ii olitti Sami'ii gaditti haa bararanii» jedhe.

21Akka kanaan Rabbi bineensota gugurdaa galaana keessa, uumama gara garaa ka bisaan keessa jiraatan ka lubbuu qabanii fi sosocho'an akkuma bifa isaaniitiin akkasuma allaattii gara garaa akkuma gosa isaaniitiin uume; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge.

22Rabbi, «Hora'aa baay'adhaa'a; fiixaan keessan bisaan galaanaa haa guutuu; allaattiiwwanillee Ardii irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise.

23Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e kun guyyaa shaneesso'ooti.

24Kanaan maayessa Rabbi, «Ardiin uumama lubbuu qaban; busaawotaa fi horii akkuma gosa isaaniitiin, uumama gara'aan Ardii irra looyan, busaawota akkuma gosa isaaniitiin haa baaftuu» jedhe; akkasuma ta'e.

25Akka kanaan Rabbi busaawotaa fi horii lafa irraa akkuma gosa isaaniitiin horii akkuma gosa isaaniitiin, uumama gara'aan lafa irra sosocho'an ka gosa gara garaa uume; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge.

26Kanaan maayessa Rabbi, «Nama bifa keennaan akka fakkeenna keennaatiin haa uumnuu; qurxummiiwwan galaana keessaatii fi allaattiiwwan Sami'ii, hori'ii fi busaawaa, lafa maraa, waan lafa irra sosocho'anii fi looyan maraa haa bulchanii» jedhe.

29Rabbi, «Wonti lafa irra jiru maruu akka nyaata isinii ta'u sanyii midhaanii, daraaraa muka adda addaa kunoo maraa isinii kenneera.

30Akkasuma busaawaa lafa irraatii, allaattiiwwan sami'iitii, waan lubbuu qabanii fi waan lafa irra socho'an maraaf akka nyaata isaaniif ta'u waan lalisee fi mukkiin maraa isaanii kenneera» jedhe; akkasuma ta'e.

31Rabbi waan uume maraa hin laale; kunniin maruu guddisee mishaa ture; guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e kun guyyaa jaheesso'ooti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help