Kitaaba Faaru'uu 29 - Kitaaba Woyyuu

Hunna Laagaa RabbiiFaaruu Daawitii

1Isin jajjaboonni Rabbii keennaa;

ulfinnaa fi galata Rabbii fidaa'a.

2Maqaa Rabbiitii ulfinna ta'u kennaa'a;

gaachena woyyummaa isaatiif Rabbii sagadaa'a.

3Laagaan Rabbii galaanota irra;

Waandhi ulfinnaa gigisse;

Rabbi galaanota gugurdaa irratti gigisse.

4Laagaan Rabbii jaba'a;

laagaan Rabbii ulfinna.

5Laagaan Rabbii birbirsa cabsa;

Rabbi birbirsa Libaanosii caccabsa.

6Gaarran Libaanosii akka waati'ii,

gaara Siiriyoonii

akka waatii gafarsaatitti utaalchisa.

7Laagaan Rabbii

arraba ibiddaa facaasa;

8Laagaan Rabbii lafa udume'ee raasa;

gammoojjii Qaadesiillee hin hollachiisa.

9Laagaan Rabbii qilxuu raasa;

araddaa cira;

maruu mana isaa woyyuu keessa taa'anii,

«Ulfinni Rabbiif haa ta'u!» jedhan.

10Rabbi galaana guddaa ajaja;

mootummaan isaallee baraa haga bara baraati;

11Rabbi banii ufiitii hunna kenna;

Rabbi banii ufii nagayaan isaan eebbisa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help