1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoollee Israa'elii akkana jedhii ajaji; hennaa gara biyya Kana'aanii galtan daangaan Kana'aanii ta isin hixa'aan qoodamtan kana.
3Garri bita'aa Edoomiyaasii lafa gammoojjii Siinii jiruu ka Edoomiyaasiin bira jiruu ta'a; daangaan bita'aa galaana sooqiddaa biraan gara baya biiftu'uutiin jalqaba.
4Achii gara Aqiraabii cinaa bita'aatiin gara galee gara Siinii lufa; karri bayaniinillee Barnee Qaadeessii cinaa bita'aatiin lufee gara Hatsaraadarii dhaqee gara Atsimoonii lufa.
5Daangaan isaallee Atsimooniin irraa galaana biyya Misirii irra naannaya; karri bayaniinillee cinaa galaanaatiin ta'a.
6«Daangaan keessan gara dhiyaatiin galaana guddaa Meditiraaniyaaniiti; kun daangaa keessan ka gara dhiyaati.
7«Daangaan keessan ka mirgaa galaana guddaa Meditiraaniyaanii biraan gara gaara Hooriititti malkata isinii ta'a.
8Gaara Hoorii irraa haga Haamaatii daangaa seensaa godhattan karri daangaa keessanii ka baataniin Tsidaadiin ta'a.
9Daangaan isaallee gara Zifiroonii lufee haga gara Hatsareenaanii gaya; kun daangaa keessan ka cinaa mirgaati.
10«Daangaan keessan ka baya biiftu'uu Hatseer'eenaanii ka'ee gara Seefaama'aa lufa;
11daangaan isaallee Aayii Seefaamaa irraa ka'ee gara baya biiftu'uutiin gara Ribila'aa bu'ee haga Kineereetii gara baya biiftu'uutiin galaana Woshmaxii bira gaya.
12Daangaan isaallee gara galaana Yoordaanosii bu'a; karri bayaniinillee gara galaana sooqiddaatiin; daangaan naannaya lafa isin irra jiraattanii kana» jedheen.
13Muuseen ijoollee Israa'elii akkana jedhee ajaje, «Lafti gofti sagalii fi wodhakkaan akka hixa'aan qoodamaniif ajaje tana.
14Gofti ijoollee Roobeelii akka manniin aboota isaaniitiin, gofti ijoollee Gaadiillee akka manniin abboota isaaniitiin, gofti Minaase'eellee qooda lafa ufii fudhatan;
15gofti lamaan kunii fi cinaan gosa tokkoo lafa ufii Yoordaanosiin gama gara Iyyaariko'ootiin haga baya biiftu'uutitti lafa fudhattan» Worra Bulchu Ka Akka Lafa Qoodan Gayeen Isaanii Kenname
16Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
17«Maqaan namoota lafa qoodamanii kana; El'aazaarii gadichaa fi ilma Naawwe'ee Iyyaasu'u.
18lafa akka qoodamaniif bulchaa tokko tokko isaan keessaa fuudhi»
19maqaan namoota ati fuutuu Yihuudaa keessaa ilma Yoofoonii Kaaleeb;
20gosa ijoollee Simoonii keessaa ilma Amihuudii Saalaami'eel;
21gosa Biiniyaamii keessaa ilma Kiisiloonii Eldaad;
22gosa ijoollee Daanii keessaa bulchaa tokko ilma Yoogilii Buuqi;
23gosa ijoollee Yooseefiitii fi gosa ijoollee Minaase'ee keessaallee bulchaa tokko Ani'eelii ilma Suufidi;
24gosa ijoollee Efreemii keessaa bulchaa tokko ilma Shifxaanii Qaamu'eel;
25gosa ijoollee zaabiloonii keessaa bulchaa tokko ilma Farnaakii Elsaafaan;
26gosa ijoollee Yisaakoorii keessaa bulchaa tokko ilma Hoozaa Falxi'eel;
27gosa ijoollee Aseedii keessaa bulchaa tokko ilma Seeleemii Aahihuud;
28gosa ijoollee Niftaalemii keessaallee bulchaa tokko ilma Amihuudii Faadaheel.
29Namoonni Rabbi akka ijoollee Israa'eliitii lafa Kana'aanii qoodamaniif ajaje kanniin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.