1«Nama foon uffate umuriin isaa gabaaba'a;
akkasuu ta'ee ka rakkoo calla'aan guuttame.
2Akka abaabo'oo ol bayee yoosuu harca'a;
akka gaaddisaa uduu hin turin lufa.
3Nama akkanaa kana hordoftaa ree?
murti'iif uf afoo dhiyeessitaa?
4Waan battii keessaa eentu waan qulqulluu baasuu danda'a?
eennullee baasuu hin danda'u.
5Umuriin namaa daangeffama'a;
ji'oonni inni jiraatullee si biratti laakkayameera,
ka daangaa umurii ati kenniteef lufu hin jiru.
6Akkuma hojjataan guyya'aa hennaa hujii fixe gammadu,
namni bara dadhabbii ufii akka gammadu obsiif.
7«Gufuun muka murameetuu abdii qaba;
deebi'ee margee damee baasuu danda'a.
8Yoma hiddi isaa jaaree
jirmi isaallee biyyee keessatti shame,
9jiidha bisaanii yoo argate hin marga;
akka biqiltu'uutitti damee haarawa baasa.
10Namni garuu du'ee dhabama.
haga du'een maayessa hoo eessatti argama?
11«Akkuma bisaan galaanaa aaree dhumatu,
akkuma bisaan lagaallee gogu,
12Namnillee akkasuma du'aan maayessa hin deebi'u;
haga samiin luftutti hin dammaqu,
hirribaallee hin ka'u.
13«Maal ta'a uduu worra du'an keessatti na dhossite!
haga lolli kee lufuuf uduu na milissitee!
haaganaallee gootee uduu na yaadattee!
14Dhugama namni haga du'een maayessa
deebi'ee jiraataa ta'uu danda'aa?
haga jijjiiramni naa dhufutti;
haga barri wondhaansa kiyyaa maruu dhumutti
obsaan eeggadha.
15Hennaa san ati na waamta, anillee si jalaa awwaadha;
ana uumama kee argu'uuf yaadda.
16Ati amma tarkaanfii kiyya maraa hordofta,
ta'ullee cubbuu kiyya natti hin laakkoftu.
17Akkuma huura qalqalatti naqanii saamsanii gataniititti,
cubbuu kiyya na irraa balleessita.
18«Gaarri yoo jige hin diiggama,
dhagaanillee hule'ee gangalata.
19Akkuma bisaan dhagaa qotee fixu,
akkuma roobni jabaan biyyee haree fixu.
atillee akkasuma abdii nama dadhaba'aa balleessita.
20Hunni kee bara baraan isa irratti jabaata.
fuula isaa hin jijjiirta, afoo keetiillee isa balleessita.
21Ijoolleen isaa yoo ulfinna argatan inni hin beeku;
yoo salphatanillee hin argu.
22Garuu foon isaatitti dhukkubbii calla'atu dhagayama,
Waan rakkoo ufii callaa booya»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.