Kitaaba Faaru'uu 71 - Kitaaba Woyyuu

Akka Rabbi Nama Eegu Worwaachuu

1Yaa Rabbi! ani irkoo si godhadhe;

horoma na hin saalfachiisin.

2Balchummaa keetiin na oolchi; na buusisiis

gurra kee gara kiyya qabi; na hambisi.

3Ka hennaa maraa itti dhokadhu;

goda irko'oo naa ta'i;

ati godaa fi kushee kiyya waan taateef.

ajanyi kee na oolchu'uuf haa bayuu.

4Waaqa kiyya! harka hamaa jalaa;

ganaa dhartichaatii fi gar jabeessaa jalaa

na baasi.

5Yaa Rabbi! Gooftaa'a! ati abdii kiyya;

ati ijoollummaa kiyya irraa jalqabee

hedoo kiyya waan taateef.

6Urga dhaladhe irraa jalqabee sitti irkadhe;

ka gadaamessa haadha tiyyaa keessaa na baase si'i;

Ati naaf galata hennaa maraati.

7Baay'e'etu ija baasaatiin na laale;

Ati ammo dawoo kiyya jaba'a.

8Guyyaa maraa akka ulfinna kee odeessu;

afaan kiyya galataan guuttameera.

9Bara jaarruma kiyyaatitti na hin gatin;

hennaa hunni kiyya dhumatellee na hin dhiisin.

10Diintonni tiyya natti mari'ataniiran;

worri lubbuu tiyya balleessuu barbaadan

wolumaan murataniiran.

11Isaan, «Rabbi isa dhiiseera;

ka isa buusisiisullee waan hin jirreef hordofa'aa qabaa'a» jedhan.

12Waandhana! na irraa hin fagaatin;

Waaqa kiyya! na gargaaru'uuf ariifadhu.

13Worri diina natti ta'an haa mullan; haa badan;

worri na miidhuu barbaadan;

tuffatamu'uu fi salphinna haa haguuggatan.

14Ani ammo hennaa maraa si abdadha;

galata irratti galata sii dhiyeessa.

15Arrabni kiyya waan balchummaa keetii;

guyyaa guutuu waan fayyummaa keetii dubbata;

haga itti dhaabullee hin beeku.

16Dhufee hujii jabaa Rabbii Goofta'aa labsa

balchummaa kee callaa dubbadha.

17Waandhana! ati ijoollummaa kiyya irraa jalqabdee

na barsiifte;

anillee haga adhaa maalalee hujii keetii labsa.

18Waandhana! yoo jaaree arrii baasellee na hin dhiisin;

irree kee dhaloota dhufuuf;

hunna kee banii maayessa dhufu maraa haga ibsuuf.

19Waandhana! balchummaan kee haga Samiiwwanii gaya;

ati waan gugurdaa gooteerta;

Waandhana! ka akka keetii eennu?

20Yoo rakko'oo fi hucuucama natti baay'eessitellee

jireenna kiyya deebiftee haarawoomsita;

keessa lafa gad fago'ootii deebiftee na baafta.

21Ulfinna kiyya naa edaata;

deebitee na jajjabeessita.

22Waaqa kiyya! waan amanamummaa keetiitiif

kiraara sagalee guddaa dhageessisuun si galatoonfadha;

woyyicha Israa'elii! masiinqo'oon si faarfadha.

23Hennaa ani faaruu sii dhiyeessu;

afaan kiyya galataan guuttama;

lubbuun tiyya ta ati furtellee hin ililfatti.

24Arranbi kiyya waan balchummaa keetii;

guyyaa guutuu odeessa;

worri miidhama kiyya barbaadan;

mullaniiran; salphataniiranille'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help