Kitaaba Faaru'uu 82 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Waan Maraa CaalaFaaruu Asaafii

1Rabbi gumii waaqolee tolfama'aa keessa taa'ee maqaa baye;

waaqolee tolfama'atti hin murteessa; akkana jedha,

2«Haga yoomii haqa dabsitan?

haga yoomii hammeeyyi'iillee dalamtan?

3Worra hunna hin qabnee fi hiyyeeyyi'ii murteessaa'a;

mirga rakkata'aatii fi ka fayyaalessaa kabajjisiisaa'a.

4Ka fira hin qabnee fi rakkataa oolchaa'a;

dharticha harkaa isa buusisiisaa'a.

5«Isaan beekkumsaa fi hubannaa hin qaban;

dukkana keessa asii fi achi deddeeman;

hundeewwan lafaa maruu raafaman.

6«Anillee, ‹Isin waaqolee tolfama'a;

isin maruu ijoollee Rabbii maraa oliiti› jedhe.

7Isin ammo akkuma nama kaawwanii duutan;

akkuma bulchaa kamiituu kuftan.»

8Waandhana! ka'i; ardii irratti murteessi;

baniin maruu waan ristii kee ta'aniif.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help