1Lafti gammoojjiinii fi gogaan
hin gammadan;
lafti gogaan hin usheexxa; hin ifa;
akka abaaboo birra'aatitti daraara.
2Faaru'uu fi gammachu'uun usheexxa;
ulfinni Libaanosii hin kennamaaf;
gaachena Qarmeloosiitii fi ka Saaroonii uffata;
gaachena guddaa Waaqa keennaa;
ulfinna Rabbii argan.
3Harka dadhabe jabeessaa'a;
jilba harellee jabeessaa'a.
4Worra garaa sodaatu qabaniin akkana jedhaa'a;
«Jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a;
Waandhi keessan hin dhufaa;
Inni haluu bayuu qabatee;
isin fayyisu'uuf dhufa.»
5Hennaa san ijji worra balla'aa hin argiti;
gurri worra duuda'aa hin dhagaya.
6Ka hokkolu akka kuruphe'eetitti utaala;
arrabni duuda'aa gammachu'uun faarfata.
bisaan gammoojjii keessaa baya;
burqaawwan lafa onaatii burqan.
7Lafti nama gubu haroo ta'a;
lafti dheebotte bisaan burqisiifti;
boolla jeedallan keessa ciisan;
marga, shombooqqo'oo fi dhallaaddu'utu itti marga.
8Huleen sun karaa guddaa ta'a;
«Karaa woyyuu» jedhamee waamama;
worri battaaye keessa hin deemu;
worra karaa irra jiran calla'aaf ta'a;
gara laafeyyiin karaa irraa hin daban.
9Leenci keessa hin jiraatu;
bineensi nama butu achi irra hin bayu;
kunniin hulee sanitti hin argaman;
worra fayyan calla'atu achiin deema.
10Worri Rabbi fure hin deebi'an;
faarfata'aa gara Tsiyoonii seenan;
gammachuu bara baraa akka gulloo ulfinnaatitti uffatan;
usheexxa'aa fi qananii argatan;
gaddaa fi mararoon achii dheessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.