1Uduma ani kutaa worra balbala eeganii ka mana mootumma'aa keessatti hidhamee jiru dubbiin Rabbii deebi'ee gara kiyya dhufe.
2Rabbiin lafa midhaassee uumee akka isiin itittee jiraattu taasise natti dubbate; maqaan isaa Rabbii Goofta'a;
3Inni akkana naan jedhe, «Na waamadhu ani sii deebisaa, waan gugurdaa armaan dura argitee hin beennee fi ka eennullee qoree bira gayuu hin dandeenne sitti mudhisaa.
4Waan marfamtee lolaan miidhamtuuf manniin Yerusaalemiitii fi manniin mootummaa Yihuuda'aa hin diiggaman;
5Sababaa isaan banii keessaa worra Baabiloonii woliin wol woraananiif waan hammeenna isaaniitiif hennaa ani fuula kiyya qachattii san irraa deebifadhe lolaa fi balaa kiyyaan du'an; reeffi isaanii manniin isaanii ol guuta.
6Qachaa tanaa fi banii isii keessa jiraatan garuu deebi'ee fayyisa; nageenni isaanii guutuu ta'a; ani hulee marattuu nagayaa fi jireenna dhuga'aa isaanii baay'isa.
7Worra booji'ame ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii hin deebisa; akkuma duraan jiraata'aa turan sanitti isaan ijaara.
8Cubbuu isaan seera kiyya diigu'uun hojjatan maraa irraa isaan qulqulleessa; ani cubbuu isaaniitii fi hujii didda'aan raawwatan maraa isaanii dhiisa.
9Waan mishaa ani Yerusaalemii godhu maraa baniin hennaa dhagaye waan guddinna kiyyaatiif ulfinnaa fi galata naa galchan; hennaa ani banii Yerusaalemiitii waan mishaa godhuu fi qabeenna ani qachatti'ii kennuuf mishummaa ani isaanii godhuun worri ormaa maruu hennaa dhagayan sodaatanii hollatan.»
10Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! ‹lafti tun ona namnii fi busaawaan keessa hin jiraanne› jettee dubbatte henna'aaf sirri'i; qachoonni Yihuuda'aatii fi karaan hedduu ka Yerusaalemii ona namni kamuu yookaan busaawaan keessaa hin mudhanne; guyyaa tokko garuu hulee kana keessatti laagaa gammachu'uutii fi ka usheexxu'uutitu dhagayama.
11Hulee kanatti lagaan usheexxu'uu, ka gammachu'uutii fi laagaan sirbaa deebi'ee dhagayama; worra hulee itti booji'amanii deebi'anii qabeenna isaan duraan qaban waan isaanii deebisuuf hennaa isaan ciincaa galataa naa dhiyeessu'uuf gara mana woyyuu kiyyaa dhufan, ‹Rabbii Gooftaa banii maraa galatoonfadhaa'a; inni waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee ka baraa haga bara baraa waan ta'eef› jedha'aa laagaa gudda'aan faarfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
12Waandhi banii maraa akkana jedha, «Lafa onaa ka namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taate tana keessatti deebi'ee hulee tisseen hoolota ufii itti yaafattu ta'a.
13Tisseen biyya gaaraa, tulloota jalaa fi qachoota Yihuuda'aa ka gara kibbaatiin jiran, bulchiinsa kutaa Biiniyaamii, gandoota naannaya Yerusaalemii jiranii fi qachoota baadiyya'aa ka Yihuuda'aa maraa keessatti deebi'anii hoolota ufii laakkayatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
14Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiif waadaa abdi'ii isaanii gale raawwadhu dhiyaateera.
15Ani hennaa san mootii balchaa fiixaa Daawitii keessaa fila; mootichi sun biyyattii keessatti waan balchaa godha; murtii dhuga'aallee hin murteessa.
16Baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii diina jalaa bayanii nagayaan jiraatan; qachattiin ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamtee waamamti.
19Rabbi akkana naan jedhe,
20-21«Waadaan ani Daawitii tajaajilaa kiyyaa ilma teessoo isaa dhaalu isaa kennu'uuf gale hennaan waadaan worra Leewwotaa ka na tajaajilaniif galee guyya'aa fi halkan itti diiggamu murteesse akka dhufu seera isaanii kenne yoo namni diiguu danda'u isin keessa jiraate,
22Kanaafuu ani fiixaa tajaajilaa kiyya Daawitii fi laakkobsa gadoota gosa Leewwi'ii hin baay'isa; baay'inni laakkobsa isaanii akka xidhacha galaana keessaatii fi akka urjii sami'ii ta'a.»
23Rabbi akkana naan jedhe,
24«Baniin kunniin ‹mootota lamaan Rabbi filate dhiisaniiran› jedha'aa banii kiyya tuffata'aa akka bani'iititti akka isaan hin beenne ati hin hubannee?»
25Rabbi ammallee akkana jedhe, «Ani waadaa seera halkanii fi guyya'aa ka ardi'iitii fi ka sami'ii ka hin jijjiiramne kennee ka hin ijaarre yoo ta'e,
26fiixaa Yaaqoobiitii fi tajaajilaa kiyya ka Daawitii dhiiseera jechu'u; kana jechuun ani mootii fiixaa Abrahaamii, ka Yisaaqii fi Yaaqoobiin irratti mooyu tajaajilaa kiyya Daawitii nama tokkollee hin moosifneef jechu'u; ani isaanii araarama; waan isaan jalaa booji'amellee isaanii deebisa.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.