Raajii Miikiyaasii 6 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Banii Israa'elii Ajiifate

1Waan Rabbi banii Israa'eliititti dubbatu dhagayaa'a;

Ka'aa'a! komii qabdan gaarran afo'otti dhiyeessaa'a! tulloonnillee waan isin jettan haa dhagayanii.

2Isin gaarran! waan Rabbi banii ajiifatu dhagayaa'a! isin hundeewwan jajjabaan lafaa! dhagayaa'a! Rabbi banii ufii Israa'eliin hin ajiifata; isaan xixalle'e.

3Rabbi akkana jedha, «Banii kiyya! maal si godhe? wonti ani sitti jabeesse maali'i? mee naa deebisi.

4Biyya Misiriitii si baase; biyya garbumma'aa keessaa si oolche; Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin akka afoo kee deema'aa si masakkan sii kenne.Waan Rabbi Banii Irraa Barbaadu

6Ani hennaa Rabbii Waaqa jaba'aa sagadu'uuf dhufu maal qabadhee dhufa? akka isaa ciincaa ciincawu ta'an waatilee woggaa tokkoo qabadhee dhufuu ree?

7Inni uduu ani korbeeyyii hoola'aa kumaatamatti laakkayaman yookaan dhadhaa ejersaa ka laga kuma kudhanii gawu qabadhee dhufee yoo dhiyeesse gammadinnaa laata? waan yakkaa fi cubbuu kiyyaatiif ilma kiyya ka hangafaa ciincaa dhiyeessuufii laata?

8Rabbi waan misha'aa fi waan si irraa barbaadu sitti himeera; kunillee akka haqaan bulchitu, akka waan mishaa jaalattu, Waaqa kee woliin akka kasumma'aan jiraattuuf.

9Rabbiin sodaachuun ogumma'a; inni qachatti'iin akkana jedha, «Isin namoonni qachattii keessatti wol geettan dhagayaa'a!

10Ani qabeenna cubbamaan karaa hammeennaatiin wolitti qabatee fi bikkituu sobaa ka abaarame irraanfachuu danda'aa?

11Ani eeganaa namoota madaala sobaatii fi bikkituu sobaatitti fayyadamanii obsaa?

12Worri dureeyyiin keessan dharaan guuttamaniiran; worri qachattii keessa jiraatan soba dubbatan; arraba ufiitiinillee hin fakkeessan.

13Kanaafuu ani sababaa cubbuu keessaniitiif isin balleessu'uu fi isin diigu'uuf ka'eera.

14Hin nyaattan garuu hin quuftan; beelli isin irraa hin bawu; isin jalaa ofoolla malee wolitti isinii hin qabamu; qabeenni isin kuufattanillee yoo jiraate woraanaan balleessa.

15Midhaan hin facaaftan ammo hin galfattan; daraaraa ejersaa hin cuunfitan garuu sayitii isaatitti hin fayyadamtan; daraaraa woyini'ii hin cuunfitan daadhii woyini'ii ammo hin dhuddan.

16Sababaan wonti kun maruu isin irra gawuuf waan isin seera mooticha Omriinii duukaa deemtanii fi waan jireenna mooticha Aki'aabii maraa faanaa deemtaniif; isin waan aadaa isaaniitiin masakkamtaniif isin balleessa; worra qachattii keessa jiraatan akka namni maruu isaanitti kolfu taasisa; mudaa banii kiyya irratti ta'e akka baadhattan isin taasisa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help