1«Seerrinii fi ajanyi biyya lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kenne ta abboota keessanii kakate bara irra jiraattan irratti eeddan kanniin;
2ormi isin dhaaltan waaqa tolfamaa isaan waaqeffatan ka gaara irraa fi muka lalisaa jala jiraatan maraa sirima balleessaa'a;
3hulee ciincaa isaaniillee diigaa'a; soodduu isaaniillee caccabsaa'a; gaaddisa isaan jalatti waaqeffatanillee ibiddaan gubaa'a; fakii waaqa tolfamaa isaaniillee caccabsaa'a; maqaa isaaniillee hulee sanii balleessaa'a.
4«Rabbii Waaqa keessan afo'otti hujii akkanaa kana hin hojjatinaa'a.
5Garuu Rabbi Waandhi keessan maqaa ufii achi jiraachisu'uuf gosa maraa keessaa gara hulee Rabbi filatee san dhuftan hulee bultii isaallee hin soqattan.
6Ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee ka ciincawu, kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitan, woreega qabdan, kennaa fedha keessaniin dhiyeessitan, hangafa sa'aa fi hoolaa keessanii achi fida'aatii
7Rabbii Waaqa keessan afo'otti nyaadhaa'a; achitti Rabbii Waaqa keessan ka isin eebbise afo'otti maatii keessan woliin gammadaa'a.
8«Waan nama maraa afo'otti mishaa fakkaatee mudhate waan nu adha asitti goonu maraa hin godhinaa'a;
9gara hulee hara baafanna'aa fi lafa isinii kennuutitti haga ammaa waan hin galleef.
10Hennaa galaana Yoordaanosii ceetan lafa Rabbi Waandhi keessan isin dhaalchisu irra hennaa jiraattan sodaa malee akka jiraattaniif diintota keessan ka isin marsan afo'otti hennaa hara baafannaa isinii kenne,
11hennaa san maqaan Rabbii Waaqa keessanii akka waamamu gara hulee inni filatee sanitti waan isin ajaju maraa ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitanii fi woreega Rabbiif qabdan maraa fidaa'a.
12Isin, ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni teessan, hojjattoonni teessan ta intalaa, worri Leewwi'ii ka isin biratti lafaa fi gayee hin qabne worra isin bira jiraatan woliin gammadaa'a.
13Ciincaa kee ka ciincawu hulee ufii feetanitti akka hin ciincessine uf eegaa'a;
14garuu hulee namni gosa maraa keessaa namni tokko filetti ciincaa keessan dhiyeessaa'a; achitti waan ani isin ajaju maraa godhaa'a.
15«Garuu akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kenneen akkuma ufii feetetti waan balbala kee jiru maraa qalii nyaadhu; namni qulqulluunii fi battaayaanillee kuruphe'ee fi gadamsa haa nyaatuu.
16Dhiiga garuu akka bisaaniititti lafatti jissi malee hin nyaatin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.