1Mootichi Daawiti Abeseloomiin akka yaade ilmi Tsuriya'aa Iyyoo'aab hubate.
2Iyyoo'aab gara Tuquhe'ee nama ergee hulee san dubartii ogeettii ta mala beettu fijjisiise; isiin hennaa isa bira geette, «Booyi, uffata gaddaa uffadhu, dhadhaa hin dibatin, waan nama du'eetiif akka nama bara dheeraa gadduu fakkaadhu;
3achiin maayessa gara mooti'ii ol seenii waan kana itti himi» isi'iin jedhe; waan isiin mootichatti himtu maraa Iyyoo'aab isi'itti hime.
4Dubartittiin Tuquhee keessa jiraattu gara mootichaa ol seentee gad jettee nagaya gaafattee «Yaa mootii na oolchi» jetteen.
5Mootichillee «Maal taate?» isi'iin jedhe; isiinillee akkana jettee deebifteef, «Ani dhugamaan dubartii abbaan worraa jalaa du'e;
6Ani garbittiin tee ijoollee dhiiraa lama qaba isaan raasa'atti wol lolanii namni isaan adda dhooggu waan hin jirreef, mucaan tokko mucaa kaan dhayee na jalaa ajjeese.
7Yaa mootii'i! firri kiyya maruu dhufanii ana garbittii teetitti ka'anii ‹mucaa kee ka obboleessa ufii ajjeese yoma ka dhaalullee hin jirree hin ajjeefnaa gad baasi› jedha'aa na rakkisan; yoo waan akkanaa kana godhan abdii tokkocha ani qabu na jalaa balleessu'uuf maqa'aa fi fiixaa abbaa worraa kiyyaallee lafa irraa balleessu'uuf ta'an» jetteen.
8Mootichi dubartitti'iin, «Waan hajaa keetiitiif ani hin ajajaa gara mana keetii deebi'i» jedheen.
9Dubartittiin Tuquhe'ee mootichaan «Cubbuun isaa anaa fi fiixaa abbaa isaa irra haa ta'u; atii fi teessoon kee qulqulluu haa ta'u» jetteen.
10Mootichillee «Eennullee yoo rakkoo kamuu sitti fide deebi'ee si rakkisuu waan hin dandeenneef gara kiyya fidi» jedheen.
11Isiin, «Worri gumaa isaa baasan deebi'anii akka isa hin balleessine mucaa kiyyallee akka hin ajjeefne maqaa Rabbiitiin waadaa naa gali» jette.
Innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin mucaa kee rifeensa mataa isaa tokkollee irraa hin buqqisan» isi'iin jedhe.
12Dubartittiin, «Ani garbittiin tee mooticha gooftaa kiyyatti waan tokko dubbadha» jetteen; Innillee, «Dubbadhu» jedhe.
13Dubartittiinillee, «Banii Rabbii irratti waan akkanaa kana maaf yaadda? Ilmi kee biyya itti baqatee deebi'ee akka dhufu hin eeyyamneef; kanaafuu waan amma dubbatte kanaan ufitti murteessiteerta.
14Nu maruu hin duuna; nu akka bisaan lafatti jigee hin deebineeti; Rabbi garuu badii lubbuu namaa hin jaalatu; kanaafuu namni mufate deebi'ee akka hin banne gorsa.
15Amma waan baniin guddisee na sodaachisuuf waan kana mooticha gooftaa kiyyatti himu'uuf deebi'ee dhufe, maal laataa kadhaa ana garbittii teetii akka dhageettuuf sitti himachu'uuf dhufe.
16Waan ani sitti himadhu naa dhagayi anaa fi mucaa kiyyallee balleessu'uuf nama lafa Waandhi nu kaaye irraa nu buqqisu'uuf ta'u jalaa nu hambifta jedhee yaade.
17Ani garbittiin tee waan bada'aa fi waan mishaa si irraa dhagayu'uuf gooftaan mootiin kiyya akka maleekkaa Rabbii waan ta'eef dubbiin isaa ka abdi'ii na jajjabeessa; eeganaa Rabbi Waandhi si woliin haa ta'u!» Sam. 2ffaa 19:27 jette.
18Mootichi dubartitti'iin, «Ani waa si gaafadhaa na hin dhossinii natti himi» isi'iin jedhe;
Dubartittiinillee, «Waan feete na gaafadhu» jetteen.
19Mootichi dubartitti'iin «Waan kana maraa akka gootu Iyyoo'aabitu si ajajee?» jedhee isii gaafate;
Isiinillee akkana jettee deebifteef; «Mootii; gooftaa kiyya! waan ati jettu maraa jalaa ka bawu waan hin jirreef maqaa keetiin kakadha waan ani godhuu na barbaachisuu fi waan dubbadhu maraa ka na gorse Iyyoo'aabii ajajaa loltootaati.
20Garbichi kee Iyyoo'aab wonti kana godheef waan kanniin maraa qajeelchuu barbaadeeti; yaa mootii kiyya! ati gooftaan kiyya ogeessa akka maleekkaa Rabbii waan taateef waan ta'u maraa hin beetta» jetteen.
21Mootichi Iyyoo'aabiin, «Ani maarre jedheeraa dhaqiitii Abeseloomii ka'imticha biyya inni itti baqate sanii as fidi» jedheen.
22Iyyoo'aab Daawitiin afo'otti gad jedhee ulfinna kenneefii mooticha galatoonfate; Iyyoo'aab mootichaan, «Waan ani fedhu waan maarre naa jettee afoo keetitti akka gaachena argadhe amma beekeera» jedhe.
23Iyyoo'aab ka'ee gara Geeshuurii dhaqee Abeseloomiin qabatee gara Yerusaalemii fide.
24Mootichi «Abeseloom gara manaa haa galuu malee akka gara kiyya hin dhufne» jedhe; Abeseloom mooticha uduu hin argine gara manaa gale.
Abeseloom Daawitiin Araarame25Biyya Israa'elii keessa namni akka Abeseloomii bareedu hin jiru; inni rifeensa mata'aatii haga qeensa lukaa nama mudaa hin qabne ture.
26Rifeensi mataa isaa waan guddaa ta'eef wogga'atti hennaa tokko murata ture; guddinni rifeensaa bikkituu mootumma'aatiin hennaa bikkamu saqilii lamaa ol ta'a.
27Abeseloom ijoollee dhiiraa sadihii fi mucattii takka qaba; maqaan dubartitti'iillee Timaar; isiin intala bareeddu turte.
28Abeseloom uduu mooticha hin argine Yerusaalemiin keessa woggaa lama guutuu taa'e.
29Achiin maayessa akka mooticha ufii gaafatuuf Iyyoo'aabiin waamsise; Iyyoo'aab garuu dhufuu hin barbaanne Abeseloom Iyyoo'aab akka dhufu lammeessoo nama itti erginaan dhufuu dide.
30Abeseloom garboota ufiitiin, «Maasaa daangaa kiyyatti aanee jiru lafa garbu'uu san laala'aatii dhaqa'aa ibiddaan gubaa'a» jedhee isaan ajaje; isaanillee dhaqanii midhaan ibiddaan guban.
31Iyyoo'aab ka'ee gara mana Abeseloomii dhaqee, «Hojjattoonni tee maaf midhaan kiyya guban?» jedhee gaafate.
32Abeseloom Iyyoo'aabiin, «Ani maaf Geeshuurii dhufe; uduu achi turee jiraadhee naa woyya jedhii waan kiyya gaafadhu; akkasuma ammo akka mooticha woliin wol gayuu danda'u haala naa mijeessi; ani yoo nama yakkamaa ta'e du'a natti haa murteessuu» jedheen.
33Achiin maayessa Iyyoo'aab gara mooticha Daawitii dhaqee waan Abeseloom isaan jedhe maraa itti hime; mootichillee Abeseloomiin waamsise; Abeseloomillee dhaqee afoo mootichaatitti gad jedhee nagaya gaafate; mootichillee Abeseloomiin hin dhungate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.