1Rabbi guyyaa rakko'oo kadhaa kee sii haa dhagayu!
Maqaan Waaqa Yaaqoobii si haa eegu!
2Mana woyyuu ufii keessaa gargaarsa sii haa ergu;
gaara Tsiyoonii irraallee si haa irkisu.
3Kennaa kee maraa si irraa haa fudhatu;
ciincaa keetiin haa gammadu.
4Hawwii garaa keetii sii haa kennu;
fedha kee maraa sii haa raawwatu.
5Waan ati mooyatteef hin gammanna;
maqaa Waaqa keennaatiin alaabaa keenna ol qabna;
Rabbi kadhaa kee maraa sii haa raawwatu.
6Rabbi nama ufii muudee moosise akka gargaaru
amma beeke;
harka ufii ka mirgaatiin mootee kennaaf;
kadhaa isaatii hulee ufii woyyittii irraa deebii kennaaf.
7Sunniin konkolaataa fardaatiin;
sunniin farda ufii hedatan;
nu garuu ka ittiin boonnu;
maqaa Rabbii Waaqa keennaatiin.
8Isaan gufatanii kufan;
nu garuu kaanee jabaannee dhaabanna.
9Waandhana! mooticha harka diintotaa isaa jalaa baasi;
hennaa nu si kadhannullee nuu dhagayi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.