Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 35 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoosiyaas Ayyaana Faasika'aa Ayyaanteffate(Mot. 2ffaa 23:21-23)

1Mootichi Iyyoosiyaas ulfinna Rabbiitiif Yerusaalemiin keessatti ayyaana faasika'aa kabajje; baniin ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfeesso'ootitti hoolaa qalanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan.

2Mootichi hujii worri gadootaa hojjatan ramadee hujii mana woyyuu keessatti hojjatan irratti isaan jajjabeesse.

3Worra Leewwotaa ka Rabbiif uf woyyoomsanii banii Israa'elii maraa barsiisaniin «Saanduuqa waadaa Rabbii woyyuu mana woyyuu Rabbii ka Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii ijaare keessa kaayaa'a; armaan maayessa ba'aa isinitti hin ta'u; isin ammallee Rabbii Waaqa keessanii fi banii Israa'elii maraa tajaajilaa'a.

4Akkaatama ajaja mootichi Daawitii fi ilmi isaa mootichi Solomoon isinii kennaniititti mana woyyuu keessatti tajaajilu'uuf hule hulee keessan qabadhaa'a;

14Kanaan maayessa worri Leewwotaa ufii fi gadoota fiixaa Aaroonii ta'aniif ciincaa ayyaana faasika'aa qopheessan; wonti waan kana qopheessaniif worri gadootaa ciincaa ciincawuu fi cooma ciincawu maraa halkan guutuu waan ciincessa'aa bulaniif.

15Faarfattoonni ijoolleen Aaroonii akkuma ajaja Daawitii, akkuma Asaafii, akkuma Emaaniitii fi akkuma Eedootaamii mootichaa raaguutitti hule hulee qabatan; worri balbala mana woyyu'uu eeganillee balbala mana woyyu'uu eega'aa turan; isaan waan worri Leewwotaa waan maraa isaanii qopheessaniif hujii ufii irraa hin fagaatan turan.

16Akkuma ajaja mooticha Iyyoosiyaasiititti ciincaa hulee ciinca'aa irratti Rabbiif dhiyaatu haa dhiyeessani'iif ayyaana faasika'aallee akka ayyaanteeffataniif, wonti Rabbiif hojjatan maruu guyyama san qophaaye.

17Worri Israa'elii worri qophaayan guyyama san ayyaana faasika'aatii fi ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa ayyaanteeffatan.Ser. Ba'u. 12:1-20

18Bara Saamu'eelii raattichaa irraa jalqabee ayyaanni faasika'aa ka akkanaa kun biyya Israa'elii keessatti sirima ayyaanteffamee hin beeku; ayyaana akka ayyaana baniin Israa'eliitii fi baniin biyya Yihuuda'aa ka achi jiran ayyaanteeffatan caalaa ka ayyaana akkanaa kana ayyaanteeffate hin jiru.

19Ayyaanni faasika'aa kun mootichi Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanteeffame.

Dhuma Bara Mootummaa Iyyoosiyaasii(Mot. 2ffaa 23:28-30)

20Mootichi Iyyoosiyaas haga mana woyyuu haarawoomseen maayessa mootiin biyya Misirii Nikaa'uun Karkamishii laga Efraaxisii bira jiru biratti isaan wol lolu'uuf baye; mootichi Iyyoosiyaasillee isaan wol lolu'uuf baye.

21Nikaa'uun garuu mooticha Iyyoosiyaasiin, «Ati mootii biyya Yihuuda'aa! wonti anaa fi si'i wol lolchiisu hin jiru; ani diintota kiyyaan lolu'uuf dhufe malee siin wol lolu'uuf hin dhufne; ani akka daddafee diintota kiyyaan lolu Rabbi na ajajeera; Rabbi waan na woliin jiruuf uduu naan morkuu baattee sii woyya; yoo didde garuu Rabbi si balleessa» jedhee dhaamsa itti erge.

22Iyyoosiyaas garuu isaan wol lolu'uuf murteeffate, waan Rabbi mooticha Nikaa'uu irraan dubbate dhagawuu hin feene; uffata mootumma'aa jijjiiratee nama biraa fakkaatee dhooqa Magido'ootitti isaan wol lolu'uuf dhaqe.

23Worri ebo'oon lolan mooticha Iyyoosiyaasiin woraannaan inni worra isa woliin jiruun, «Ani guddisee woraannamee madaayeeraa lola keessaa na baasaa'a!» isaaniin jedhe.

24Worri isa woliin jiranillee gaarii fardaa san irraa buusanii gaarii isaa ka fardaa ka lammeesso'oo irra isa kaayanii gara Yerusaalemii isa fidan; inni du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii maruu mootii Iyyoosiyaasiif booyan.

25Ermiyaas raattichi hoolemanchoo fideef; faarfattoonni dhiiraatii fi ta intalaa wolaloo booyaa irratti haga adhaa waan mooticha Iyyoosiyaasii dubbatan; wonti kun aadaa biyya Israa'elii keessatti wolaloo booyaa keessatti barreeffameera.

26Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate, jaalalli inni Rabbiif qabu, akki inni seera Rabbiitiif ajajamu,

27seenaan isaa ka jalqaba irraa haga dhumaa jiru maruu seenaa kitaaba mootota biyya Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help