Raajii Isaayyaasii 46 - Kitaaba Woyyuu

Waan Waaqolee Baabiloonii

1Waaqoleen sobaa ka «Beelii» fi «Neeboo» jedhaman hin jilbiiffatan;

waaqoleen tolfamaan isaanii horii fe'a'aa irratti fe'amaniiran;

fakiin waaqolee tolfama'aa horii huqqatetti guddisee ulfaata.

2Horiin fe'a'aa waan fe'aan itti ulfaateef fe'aa woliin kufan;

waaqoleen tolfamaan isaaniillee waan uf oolchuu hin dandeenneef booji'amanii fudhataman.

3«Isin ijoolleen Yaaqoobii fiixaan Israa'elii

ka ani gadaamessa haadha teessaniititti isin eegee fi

ka urga dhalattan irraa jalqabee isin gargaare na dhagayaa'a.

4Jaartanii haga arrii baaftaniitittillee

isin eega;

natu isin uume, isin kunuunsa; isin gargaara;

waan hamaa irraallee isin eega.

5«Eennuun wolitti na bikkitan? eennuun wolitti na qixxeessitan?

eennuun wolitti fakkeessitanii na bikkitan?

6Namoonni gariin qaraciitii ufii bananii akka ufii barbaadanitti worqii keessaa fuudhan;

meetiillee madaalaan bikkan

akka waaqa tolfamaa isaanii hojjatuuf

ogeessa sibiila bassu hori'iin bitanii galfatan;

haga hojjatameen maayii isaa sagada'aa waaqeffatan.

7Ol fuudhanii gurmu'utti baatan;

yoo hulee tokko kaayan achuma taa'a;

hulee sanii ka'ee socho'uu hin danda'u;

eennullee yoo isa kadhate deebii hin kennuuf;

yookaan eennuunillee badii irraa hambisuu hin danda'u.

8Isin worra hammeeyyii'i! waan kana sammu'utti qabadhaa'a;

qalbi'ittillee qabadhaa'a.

9Akka ani callaan Waaqa ta'e;

ana malee Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a;

waan bara durii raawwataman qaabadhaa'a;

ani Waaqa; ka biraa ka ana fakkaatu hin jiru.

10Waan gara dhumaatitti ta'u durumaa dubbadheera;

waan durana ta'u duruma addaataa himeera;

kaayoon kiyya ka hin jijjiiramne;

waan na gammachiisu godha.

11Ani gara baya biiftu'uutii waan akka cuungululle'eetitti nama butu waama;

inni nama fago'oo dhufu ka kaayoo kiyya raawwatu;

ani waan jedhe hin taasisa;

waan karoorfadhellee hin raawwadha.

12«Isin worri garaa jabaattanii dhugaa irraa fagaattan

na dhagayaa'a.

13Ani hennaa dhiyoo keessa balchummaa kiyya mudhisa;

fayyisuun kiyya hin turu;

Ani Yerusaalemiin hin hambisa;

Israa'eliin ulfinna kiyya itti uwwisa» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help