1Hennaa lafti dhiite maleekkonni lachuu gara Soodoomii seenan; hennaa san Looxi balbala qachattii Soodoomii taa'eera; inni hennaa isaan arge, isaan simachu'uuf ka'ee kallacha ufiitiin gad kufee isaanii sagadee,
2«Gooftolee tiyya; gara mana garbicha keessanii gora'aa bulaa'a luka teessanillee dhiqadhaa'a; bultanii obboroo deemtanii» isaaniin jedhe; isaan ammo, «Hin ta'u raasaa bulla malee» jedhan.
3Guddisee isaan kadhannaan isaanillee gara manaa seenan; xoroshoo godhee isaanii dhiyeessee isaanillee hin nyaatan.
4Uduma isaan hin rafne namoonni qachaa Soodoomii ka'immanii fi jaarsonni, baniin hulee maraa jiru mana jarri jirtu marsan.
5Looxiin waamanii, «Namoonni halkan kana gara mana keetii dhufan meeti? gad nuu baasi bira geennee habaxeessinaa» jedhaniin.
6Looxi manaa gara isaanii gad bayee duubaan balbala cufee,
7«Obboleeyyan tiyya; waan hamaa kana hin godhinaa'a! Looxi Soodoomiin Gad Dhiisee Baye
12Jarri keessumma'aa lamaan Looxiin «Eennuun asii qabda? soddaa, ijoollee dhiiraa, ijoollee dubaraa ta'ee'e qachattii tana keessaa waan qabdu maraa baasi.
13Cubbuun isaanii Rabbiin afo'otti waan guddateeruuf qachattii tana haa balleessinu'uuf nu ergeeraa» jedhaniin.
14Looxillee manaa bayee soddaadhan ijoollee isaa fuudhaniin, Rabbi qachattii tana balleessu'uuf ta'aa ka'aa hulee kanaa deemnaa» jedhee isaanitti hime. Soddaadhan isaa ammo waan isaanitti coora'aaru seeyanii lash jedhan.
15Hennaa bariite maleekkaan Looxiin «Cubbuu qachatti'iitiin akka hin banne; ka'i haadha manaa teetii fi ijoollee intalaa lamaan asii qabdu fuudhii deemi» jedhanii ariifachiisan.
16Inni harkifatullee Rabbi garaa isaa laafee namoonni sunniin harka haadha manaa isaatii fi harka ijoollee durbaa lamaan isaa qabanii baasanii qachattii saniin ala isaan kaayan. jedhame.
Barbadaawuu Soodoomiitii Fi Gamoora'aa23Looxi hennaa gara Zoo'aarii seene biiftuun baate.
24Rabbi Soodoomii fi Gamooraa irratti Samii irraa ibiddaa fi dinnii bobawu roobse.
25Qachoota sanniin waan naannoo isi'ii jiru maraa, worra qachoota sanniin keessa jiraatan biqiltuu lafaa maraa barbadeesse.
27Abrahaam gara hulee Rabbiin afoo dhaabatee ture san dhaqu'uuf ganamaan ka'e.
28Inni gara Soodoomiitii fi Gamoora'aa lafa biyya sanii keessa mara gubba'aa gad hennaa laalu aarri biyyattii sanii akka aara ibiddaa ka dhagaa sunsumaa keessaa bawuutitti ka aaru arge.
29Rabbi qachattii dhooqa keessaa ta Looxi keessa taa'ee ture san haga balleesseen maayessa Abrahaamiin qaabatee; Looxiin badii san keessaa baase.
Akkaataa Worri Mo'aabiitii Fi Amooronni Itti Dhufan30Looxi Zoo'aariin keessaa bayee waan Zoo'aariin keessa taa'uu sodaateef ijoollee intalaa lamaa ufii woliin gaara irra goda keessa taa'e.
31intalti hangafaa intala maandha'aatiin «Abbaan keenna jaareera; akkuma beekkamu dhiirti nu fuutu hin jirtu.
32Koottu abbaa keenna daadhii woyini'ii obaafnee macheessinee isa woliin ciifnee finna irraa argannaa» jetteen.
33Halkanuma san abbaa ufii daadhii woyini'ii obaasanii macheessanii hangaftittiin gara abba'aa dhaxxee woliin ciifte; inni hennaa isiin woliin ciiftee biraa kaatu uf hin beeku.
34Haga bari'e ta guddo'oo ta maandha'aatiin «Ani kalee galgala abbaa kiyya woliin ciise; adha galgala akkasuma atillee daadhii woyini'ii obaasii isa woliin ciisi; abbaa keenna irraa fiixaa haa hambifannuu» jetteen.
35Kanaafuu abbaa ufii halkan sanillee akkasuma daadhii woyini'ii obaasanii ta maandhitti'iillee isa woliin ciifte; inni hennaa isiin ciiftuu fi kaatullee uf hin beeku.
36Ijoolleen intalaa ta isaa lamaanuu abbaa ufii Looxiin irraa ulfaayan.
37Ta hangafaa dhiira deettee maqaa isaa Moo'aab jettee itti baafte; inni haga adhaa abbaa Moo'aabotaati.
38Ta maandha'aallee akkasuma dhiira deettee maqaa isaa mucaa gosa kiyyaa jettee Amoon jettee itti baafte; akkuma kana innillee haga adhaa abbaa Amoonotaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.