Raajii Hisqeelii 9 - Kitaaba Woyyuu

Yerusaalem Adabamte

1Kanaan maayessa Rabbi laagaa ufii ol qabatee, «Isin worri qachattii adabdan as dhiyaadhaa'a; meeshaa woraanaa keessan ka waa balleessu'uuf qophaaye qabadha'aatii koottaa'a!» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye.

2Namoonni jahaa meeshaa waa ajjeesaniin qabatanii gara balbala gubba'aa ka gara kaabaatiin dhufan; isaan keessa nama uffata gad diratan uffatee meeshaa barreessaniin cinaacha tokkotti qabateerutu jira; namoonni jahanuu ol seenanii hulee ciinca'aa ka sibiila diima'aa bira dhaabatan.

3Waan kanaan maayessa falaqqifni ulfinna Waaqa Israa'elii mudhisu Kiruubeelii dura irra jiru san irraa ka'ee gara balbala mana woyyu'uu dhaqe; Rabbi namicha uffata gad diratan uffate ka meeshaa barreessaniin harkaa qabu san waamee,

4«Ati qachattii Yerusaalemii maraa keessa naannayii waan hama'aa fi ka nama salphisu ka qachattii keessatti raawwatameen kallacha namoota guddisanii gaddanii irratti malkata godhi!» jedheen.Mudh. Yoh. 7:3; 9:4; 14:1

5Ammallee Rabbi namoota kaawwaniin «Isinillee nama kana hordofa'aa naannaya'aatii ka qachattii tana keessa jiru maraa ajjeesaa'a; eennuullee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a.

6Jaarsaa ka'ima, dhiiraa fi dubartoota, daa'immanii fi dubartoota maraa ajjeesaa'a; garuu nama kallacha ufii irraa malkata qabu eennuunillee hin tuqinaa'a; ajjeechaa mana woyyuu kiyya irraa jalqaba'aa ajjeesaa'a» hennaa jedhuun dhagaye; kanaafuu bulchoota mana woyyuu bira dhaabatan irraa jalqaban.

7Rabbi, «Deema'aa mana woyyuu batteessaa'a! bayima reeffa namaatiin guutaa'a!» isaaniin jedhe; isaanillee yaa'anii namoota qachattii keessa jiran maraa ajjeesan.

8Hennaa ajjeechaan kun raawwatamu hojja kiyya hafee «Rabbii maraa olii! badee! worra Israa'eliin keessatti hafan maraa haga fixxutti hagana mara worra Israa'eliitiin loltaa?» jedheen.

9Rabbi akkana jedhee deebise, «baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa cubbuu hamaa guddaa hojjatanii yakkaniiran; biyyattii maraa keessatti ajjeechaa raawwataniiran; qachattii keessa akka hammeenni guutu godhaniiran; ‹Rabbi biyya teenna dhiiseera; nu hin laalu»

10Kanaafuu ani garaa isaanii hin laafu; isaanii hin araaramu; waan isaan namoota kaawwan irratti raawwatan anillee deebisee isaan irratti raawwadha.»

11Kanaan maayessa namichi uffata gad diratan uffate ka waan barreessaniin harkaa qabu deebi'ee dhufee «Waan ati na ajajje maraa raawwadheera» jedhee Rabbitti hime.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help