Kitaaba Mammaakaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Faayidaawwan Mammaakaa

1Mammaakkan Solomoon ilmi Daawitii

mootiin Israa'elii dubbate.

2Mammaakkan kunniin ogumma'aa fi

gorsa hubachu'uu fi jechoota

yaada gad fago'oo hubachu'uuf,

3balchummaa, haqaa fi murtii madaalli'ii raawwachu'uuf,

qalbii ogumma'aan leenjite argachu'uuf,

4worra bilchinna hin qabneef hubannaa,

worra umuri'iin ijoolloomanii beekkumsaa fi

qalbii kennu'uufiif,

5ogeeyyiin haa caqasanii; barumsa ufiillee haa cimsatanii;

worri hubatanillee qajeelcha irraa haa argatanii;

6kunillee mammaakkan ogeeyyi'iitii fi fakkeenna,

jechootaa fi hibboowwan akka hubataniif.

7Rabbiin sodaachuun ogummaa jalqabaati;

gowwoonni garuu beekkumsaa fi gorsa tuffatan.Gorsa Dargaggeeyyi'iif Kennamu

8Ilma kiyya! gorsa abbeetii dhagayi;

barumsa haatetiillee hin dhiisin.

9Kunniin mataa keetii gaachena;

morma keetitti hudhoo bareedaa sii ta'an.

10Ilma kiyya! yoo cubbamtoonni si sossoban

tole isaanii hin jedhin.

11Isaan «Nu woliin koottu,

dhandhee riphnee dhiiga namaa dhangalaafnaa

nama balleessaa hin qabne sababaa tokko malee miidhu'uuf

kara'atti eennaa;

12Akka awwaalli worra du'an nyaatutti

nullee uduu isaan lubbu'uun jiran isaan liqimsinaa!

akka namoota du'anii boollatti galanii isaan haa goonuu!

13Waan mi'aa ta'e maraa hin argannaa,

manniin keenna waan saamneen guunnaa;

14Koottu nu woliin birmadhu;

waan saamnee fudhannu maraa

woliin qaraciitii keenna guunnaa» yoo siin jedhan;

15Ilma kiyya! ati isaan woliin miila hin buqqifati;

karaa isaan deeman irraa gori.

16Lutti isaanii cubbu'uuf jarjarti;

dhiiga jissu'uuf ariifatan.

17Siiboon uduu gogorriin argitu dhaabdu

gatii hin qabu.

18Riphanii eeggachuun isaanii,

dhiiguma ufii jissu'utti isaan geessa

dhokatanii ka biraa eeguun isaanii isaanuma balleessa.

19Worri bu'aa argachu'uuf karaa male'een fiigan maruu;

dhumti isaanii akkana;

badiin jireenna isaaniillee kanuma.

Uf Eeggannaa Worra Ogummaa Tuffataniif Kenname

20Ogummaan karaa irra dhaabattee iyyitee waamti;

hulee itti gad bayan maratti

guddiftee laagaa ufii dhageessifti.

21Karaa wony'i itti baay'atu irratti iyyiti;

balbala seensa qacha'aatitti akkana jetti,

22«Isin worri bilchinna hin qabne!

karaa keessan ka hubannoo hin qabne haga yoomii jaalattan!

worri baldu balda ufiititti ka gammadan,

worri gowwaan beekkumsa haga yoomii jibban?

23Uduu xixa kiyya dhageettanii,

silaa ani garaa isinii laafee

yaada kiyyallee isinitti beessisa ture.

24Garuu hennaa ani isin waame waan diddaniif,

hennaa harka kiyya isinii diriirse

eennullee waan hajaa hin qabneef,

25gorsa kiyya maraa waan tuffattaniif,

xixa kiyyallee waan hin fudhanneef,

26kanaafuu anillee rakkinna keessanitti hin kolfa;

hennaa balaan isin irratti bu'ullee isinitti balda.

27Hennaa balaan akka dambali'ii isin raasu,

hennaa rakkinni akka haboonbolatti'iititti isin haxaayu

hennaa rakkinninii fi leelaluun isin irra gara galu isinitti balda.

28Hennaa san na waamatan;

ani garuu isaanii hin deebisu;

jabaatanii na barbaadan

garuu na hin argatan.

29Waan beekumsa jibbaniif

waan Rabbiin sodaachuu didaniif,

30gorsa kiyyallee waan hin jaalanneef,

xixa kiyya maraa waan tuffataniif,

31Kanaaf daraaraa hujii ufii nyaatan;

bu'aa karoora ufii quufan.

32Worra bilchinna hin qabne

adaba dhabuu isaaniititu isaan ajjeessa;

gowwoota lash jechuun isaan balleessa.

33Garuu ka na dhagayu maruu tasgabbaayee nagayaan jiraata;

rakkoo gara garaa irraallee hara baafata.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help